Anteneeh Teferraa, Qindeessaa Muuziqaa Afaan Oromoo dhiyeenya maqaa horataa dhufedha. Magaalaa Adaamaatti dhalatee kan guddate Anteneen, Weellistoota Afaan Oromoo bebbeekamoo kanneen akka Galaanaa Gaaromsaa, Yoosan Geetaahun, Surraa Taakkelee fi kaaniif muuziqaa sirboota isaanii ka qindeesse yoo tahu, sirbootni Aadaan Oromoo Sirboota gosaan danuu qabaachuun gara hojii kanaatti akka isa hawwate ibse. Weellisaa Surraa Taakkelee, Anteeneen qindeessitoota sirboota Afaan Oromoo fuulduratti adeemsisaa jiran keessaa takka jechuun ibsa. Galmoo Daawit tu qindeesse.
Forum