Ityoophiyaan tarkaanfii kana kan jalqabdee gabaa Aksiyoona biyya keessatin yemmuu ta’uu, yeroo jalqabatiif dhaabbanii harkaa mootummaa jiru Ityoo- Teelcoom irratti eegalamee, itti ansuudhaanis dhaabbilee baankii fi inshuraansii irratti akka itti fufu beekameera.
Manni maree bakka bu’ootaa mootummaa Ityoophiyaa qaamnii sochii gabaa Aksiyoonaa kana too’atu fi “Abbaa Tayitaa Gabaa Kaapitaalaa Ityoopiyaa” jedhamu akka hundeefamu raggaasisee jira. Ityoophiyaan bara 1974, ergaa Sirnii mootummaa Hayilesillaasee kufee kaasee gabaa Aksiyoonaa qabaatee hin beektu.
Maddii oduu Ajaans Firaan Prees/AFPn dhimma kana irratti akka gabaasetti, bara 2018ti jalqaqbee aangoo kan qabatee mootummaan mummicha ministeeraa Abiyi Ahimad gabaa diinagdee too’annoo mootummaa jala jiruu banaa taasisuudhaaf fedhii agarsiisuus, lola Tigraay keessatti taasifame dabalatee, waliti bu’insii adda adda biyyatti keessa jiran akka yaadichii hojii irraa hin oolee taasisee jira. Ji’oottan dhihoo darban keessa mootummaan amma aangoo irra jiru tarkanfii fooyya’insaa diinagdee fudhachuu jalqabeen ji’a Muddee keessa mannii maree bakka bu’oota mootummaa biyyatii, baankonni biyyaa alaa akka Itiyoophiyaa keessa seenanii hojjatan seera eeyyamu raggaasisee jira.
Ityoophiyaan ji’aa Adoolesaa darbe keessa ergaa labsii fooya’nsaa diinagdee baasuudhaan gabaa sharafa alaa bilisa taasiftee boodaa, dhaabbataa maalaqa Aduunyaa/ IMF irraa gargaarsaa Doolaara Biiliyoonii 3.4 akkasumas, dhaabbata baankii Aduunyaa irraa gargaasaa dolaaraa miiliiyoonii Tokkoo fi walakaa akka argatuu ibsaamee jira.
Biyyii Afrikaa keessa baayina namaatiin 2ffaa taatte Ityoophiyaan bara 2004 amma 2019 gudinaa diinagdee dhibeentaa 10 galmeesaa akka turetee kan ibsee gabaasinii dhaabbata baankii adduunyaa, gudinni dinagdee kun bara 2020 amma 2023 sababa dhibee koroonaa dabalatee gara dhibeentaa 5.9 gadi bu’ee, qaala’insi jireenyaa immoo,dhibeentaa 20.4 irraa gara dhibeentaa 30.2 ol ka’uu isaa beeksiseera.
Forum