Barreessaan Diraamaa akkasumas Taatoon Tasammaa Galataa dhibee isa mudatee jiruuf ammas yaala hin argatin akka jiru hime. Bara 1983, warreen Diraamaa Tuuta Dhangaa Dhaabbata Televizyinii Itiyoophiyaa duraaniitti jalqaban keessaa tokko ta’uu kan dubbatu Tasammaan, dhibee isa mudate biyya Hindiitti yaala akka argatu murtaa’us sababa hanqina maallaqaa sireerratti hafuu dubbate. Artis Kadir Filatoo, Miseensi Koree Tumsa Yaala Tasammaa qindeessaa jiran keessaa takka ta’uu ibse, Tasammaan hojii diraamaa Afaan Oromoo keessatti nama hojii guddaa hojjete ta’ee utuu jiruu, gargaarsa dhabiinsaan lubbuun isaa darbuuf deema jechaan hime, Galmoo Daawit dabalatasaa qopheesseera.
Forum