Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dinqee Teessoo: Barreessitu, Daarekataraa fi Taaatoo Fiilmii Gabaabaa

Dinqee Teessoo: Barreessitu, Daarekataraa fi Taaatoo Fiilmii Gabaabaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:18 0:00

Dinqee Teessoo: Barreessitu, Daarekataraa fi Taaatoo Fiilmii Gabaabaa

Dinqe Tessoo, barreessituu fiilmii gabaabaa, taatoo fi daayireektara. Imala ishee akkamitti rakkoo dhuunfaa fi dandamachuu dhaan sadarkaa ammaa irra geesse nuuf ibsiteetti. Umurii ishee waggaa jahaatti warra ishee lamaan dhabde, isheefi obbolaan ishee lamaan dubartii Jarmanii gara laafeettii taatee fi Dembi Doolloo Qellem Wallaggaa jiraatantu ofitti fudhatee obbolaa ishee waliin isee guddisuu nuuf himte Dinqeen.

Yeroo ammaa biyya Awstiraaliyaa kan jiraattu yoo ta’u, fiilmiiwwan afaan Oromoo gaggabaaboo adda addaa irratti hirmaadheera jetti. Fiilmii gabaabaa kan ofii ishee Eessuman Ture? Jedhu illee dhiyeenya daawwattootaaf akka dhiyeessite dubbatti. Eessaa ka’uun amma maal irra akka jirtu seenaa dhuunfaa ishee VOAf qooddee jirti.

Forum

XS
SM
MD
LG