Pireezidaantiin Waldaa Fannoo diimaa Itiyoophiyaa Obbo Abarraa Tolaa sagalee Ameerikaatti akka himanitti yeroo dhiyoo as Itiyoophiyaa keessatti goginsi, weerarri hoomaa Awwaanisaa, Koovid 19 , isarra darbees waraanni Kaaba Itiyoophiyaa keessa ture gargaasa taasiisaa turre irraa kaanee manni barumsaa kun akka banamu nu taasiiseera jedhan. Keessumaa bakkoota waraanni uumametti gargaarsa taasisuu qofaa osoo hin tane waraanichi akka hin kaaneef sammuu namootaa irratti hojjechuun akka barbaachisu hubannes jedhaniiru..
Hoogganaan mana barumsichaa Doktar Demmeqee Achisoo mana barumsichaa banuuf waggoota 3 darbaniif qophiin taasifamaa ture jedhanii barbaachisummaa isaa irratti qorawwan akka taasifamaa turanii fi Yuuniivarsiitii Finfinnee irraa dabalatee Yuunivarsiitiiwwan kanneen biroo irraa ogeessoonni irratti hirmaachuuf ibsaniiru.
Aadaanii fi duudhaan Uummataa haphachaa dhufuu isaarraa kan ka’e walitti bu’insonni babbal’achaa dhufuu kan himan Obbo Abarraan mana barumsaa kana keessatti aadaa uummatichaa biyya keessaa fayyadamuuun wal dahabdeewwan hiikuun akkamitti akka danda’amu bal’inaan barsiifamas jedhaniiru jechuun Finfinneerraa Gebire Mikaa’eel Gebiremedihiinitu gaabase.
Forum