Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Kaabaa Naannoo Daarfuritti Haleellaa Humni Addaa Geggeesseen Namoonni Kumaan Lakkaawaman Baqatan, Jedha Tokkummaan Mootummootaa 


Sudaan Kaabaa Naannoo Daarfuritti Haleellaa Humni Addaa Geggeesseen Namoonni Kumaan Lakkaawaman Baqatan, Jedha Tokkummaan Mootummootaa 
Sudaan Kaabaa Naannoo Daarfuritti Haleellaa Humni Addaa Geggeesseen Namoonni Kumaan Lakkaawaman Baqatan, Jedha Tokkummaan Mootummootaa 

Dhaabbanni mootummoota gamtoomanii Wiixata har’aa akka beeksiiseeti Naannoo Daarfuur Kaaba Sudaanitii haleellaa gareen humna addaa inni RSF jedhamu raawwateen booda namoonni 8,000 tti tilmaaman qe’ee isaanii gadhiisaanii baqataniiru. Dhaabata mootummoota gamtoomaniitti dhaabbbanni dhimma baqattootaa ibsa baaseen ganda Salomaa fi magaalaa EL-Fasher marsuun Jimaataa fi Sanbata darbe haleellaa gareen hidhattoota RSF inni humna addaa raawwateen booda namoonni kunneen kan baqatan jedheera.

Ji’a Eebilaa bara 2023 irraa kaasee humna waraanaa Sudaan waliin kan wal waraanaa jiru gareen humna addaa Sudaan RSF El-Fasher irraan kan hafe naannoo Daarfuur to’annaa isaa jala oolcheera. Torbaanota dhiyoo asis buufatalee baqattootaa kannen beelaan miidhamanii fi milishoota humna waraanaa Sudaan waliin hidhata qaban irratti raawwataa jira. Haleellaa amma ganda Saloomaa keessatti garichi raawwateenis manneen jireenyaa hedduun gubataniiru.

Sababa wal waraansa Sudaan keessaan Kaaba Daarfuur qofaatti namoonni miiliyoona 1.7 qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiru kan jedhe Dhaabbanni mootummoota gamtoomanii namoonni miiliyoona lama immoo hanqina midhaan nyaataa hamaaf saaxilaamaniiru.

Waraani Sudaan keessaa namoota Kuma hedduu lubbuu kan gaalafate kanneen miiliyoona 12 ta’animmoo qe’ee isaaniirraa buqqiseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG