Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walgahiin Traamp fi Zeleneskiin Dhimma  Albuudaa Irratti Waayit Hawusitti Geggeessan Waliigaltee Malee Xumurame 


Walgahiin Traamp fi Zeleneskiin Dhimma  Albuudaa Irratti Waayit Hawusitti Geggeessan Waliigaltee Malee Xumurame 
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:44 0:00

Walgahiin Waayit Haawus prezidaant Doonaald Tiraamp fi Pirezidaantii Yukireen Volodymyr ZelenskII gidduutti waliigaltee Yunaaytid Isteetis kan yeroo baayyee e hin baratamnee mirga albuuda Yukireen akka argattu hayyamu mirkaneessuuf kaayyeffatee ture, gara wal falmii ho’aa ta’etti jijjiirame, hoggantoonni lamaan wal irratti dubbachuu fi Tiraamp Zelenskiin, “Ati yookaan waliigaltee gochuuf jirta yookaan keessaa baanee jirra” jedhan.

Walgahii kana booda ibsa miidiyaa hawaasaa irratti kennaniin, Tiraamp waliigaltee yaadame kun akka addaan citu agarsiisaniiru.

“Pireezidant Zelenskiin yoo Ameerikaan keessa galte Nagaaf qophii akka hin taane murteesseen jira, sababiin isaas hirmaannaan keenya marii keessatti faayidaa guddaa akka isaaf kennu itti dhaga’ama” jechuun Tiraamp barreessaniiru,

"Yuunaayitid Isteetis Waajjira Ovaal ishee jaallattu keessatti kabaja dhabe. Yeroo Nagaaf qophaa'u deebi'uu danda'a."

Waljijjiirraan jechootaa ho’aan kun, oduu gabaasoota Ameerikaa fi Yukireen kudrnootaan lakkaa’aman kanneen Waajjira Ovaal keessatti argan, walgahii kana keessatti gara daqiiqaa 40 yeroo Zelenskiin weerara Raashiyaan bara 2014 Kiriimiyaa irratti raawwatte kaasan sagalee falmii dhageesiisa.

Itti aanaan pirezidaantii Yunaaytid Isteetis Jee Dii Vaans battaluma sanatti Zelenskii qeequun, ''daawwannaa ololaa'' irratti bobba'eera jechuun himatan. ''Miidiyaa Ameerikaa fuulduratti kana falmuuf yaaluuf gara Waajjira Ovaal dhufuun keessan kabaja dhabuu natti fakkaata,'' jechuun Zelenskiitti himan.

Vaans fi Tiraamp hogganaan Yukireen kun gargaarsa biyyi isaanii Waashingitan irraa argatteef galata hin qaban jechuun himataniiru.

''Yeroo ammaa fala biraa hin qabdu,'' jedhan Tiraamp sagalee isaanii ol kaasee yeroo Zelenskiin mormuuf yaalan. "Lubbuu namoota miliyoonaan lakkaa'amaniin qumaara taphachaa jirta. Waraana Addunyaa isa Sadaffaa waliin qumaara taphachaa jirta." Zelenskiin Waayit Haawus keessaa dafanii kan ba’an yoo ta'u, ibsi gaazexeessitootaaf waloon kennuuf beellamame haqameera.

Pirezidaantiin Yukireen Volodymyr Zelenskii, bitaa, Pirezidaantii Yunaaytid Isteetis Doonaald Tiraamp waliin Waajjira Ovaal kan Waayit Haawus isa Waashingitan keessatti Guraandhala 28, 2025 wal argan.

Booda gaafuuma Jimaata darbe sana Tiraamp Waayit Haawus ba’uu isaanii dura gaazexeessitootaaf akka himanitti mariin kun '' akka gaariitti kan milkaa’ee akka hin taane'' dubbataniiru. Tiraamp akka jedhanitti, Yunaaytid Isteetis waliigaltee albuudaa kana yoo mallatteessite, Zelenskiin ''itti fufee loluuf, loluuf, loluuf ilaalaa jira'' jechuun yaada jedhan.

''Lola waggaa 10 keessa seennee taphachuu hin feenu,'' jedhan Tiraamp.

Zelenskiin marii deebisanii jalqabuuf maal gochuu akka qaban oduu gabaasaan tokko yeroo gaafatu, Tiraamp ''Ani nagaa buusuu barbaada' jechuu qaba'" jechuun deebii kennaniiru.

Walgahiin kun akka tasaa xumuramus, hogganaan Yukireen kun dafanii gara miidiyaa hawaasaatti bahuun ummata Ameerikaa fi hoggansa Yunaaytid Isteetisitti dubbatan.

"Ameerikaan galatoomaa" jechuun Zelenskiin waltajjii miidiyaa hawaasaa X irratti maxxansan. ", Kongiresii, fi ummanni Ameerikaa galatoomaa. Yukireen haaqaa fi nagaa waaraa barbaaddi, kanaafis sirriitti hojjechaa jirra" jedhan

Jimaata gara boodaa Zeleniskiin Teeleeviziyoona Faaks Niiwuus jedhamutti akka himanti hariiroon Yukireen fi Yunaaytid Isteetis gidduu jiru baraaramuu akka danda’u akka amananii fi akka michuutti Ameerikaa dhabuu akka hin barbaanne dubbatan. Itti dabaluudhaanis Tiraamp ''caalaatti gama keenyaan'' akka dhaabbatan barbaada jedhan. Zelenskiin Tiraampiin dhiifama gaafachuu qabdaa jedhamuun gaafatamanii, "Baay'ee iftoominaa fi baay'ee amanamoo ta'uu qabna jedheen yaada, waan gaarii hin taanee hojjenne jedhee hin ilaaluu" jedhan.

Walgahiin kun osoo hin gaggeeffamin dura Tiraamp Zelenskii waliin waliigaltee mallatteessuutti dhihaachuu isaanii dubbataniiru.

“Wanta walii galtee baay’ee haqa qabeessa ta’e qabna, seenuu fi qotuu, qotuu, qotuu, akkasumas hojjechuu fi lafa baay’ee hin argamne tokko tokko argachuuf hawwii guddaan eegganna,” jechuun Tiraamp Zeleniskii nama mulllinaan itti hin tolleetti himaniiru.

Waliigalteen yaadame kun tumaalee waliin abbummaa fi bulchiinsa fandii ( maallaqa) waraana booda deebisanii ijaaruu Yukireen kan of keessatti hammate yoo ta’u, Yukireen galii gara fuula duraa qabeenya uumamaa biyyattii irraa argamu keessaa dhiibbeentaa 50 akka ramadu ta’a. Garu, Dubbi himaan Waayit Haawus waliigalteen kun hin mallattaa'in jira jedhan. Walgahiin Tiraamp fi Zelenskii kan Waayit Haawus keessatti waliigaltee albuudaaf ture gara jechoota ho’aa walitti deebisuutti jijjiirame.

Hoogganaan warra dimookiraatootaa kan mana maree Hakiim Jeferiis ibsa isaa keessatti “ Waggoota sadan darbaniif Pireezidaanti Zeleneeskii fi uummanni Yuukireen Dimookiraasii , walabummaa fi dhugaa cinaa dhaabbataniiru. Fiixaan ba’insi isaanii dantaa nageenyaa Yuunaayitid Isteetisisidha. Hanga injifannoon dhufutti Yuukireen waliin dhaabbachuu qabna.”

Mana mareetti dubbii himaa kan ta’e Rippaabilikaantichi Maayik Joonsan fuula miidiyaa hawwaasaa “Face book” irratti barreeffama maxxanseen “ Pireezidaanti Tiraampiin galateeffadha, guyyoonni faayidaan Ameerikaa irraa fudhatamee fi kabaja dhabde dhumateera.” Itti dabaluunis waanti Waayit Haawuus keessatti mul’ate “ Pireezidaantiin Ameerikaa, Ameerikaaf dursa kennuu isaati” jedhe.

Maariin Tiraampii fi Zeleneeskii gidduu ture osoo uummanni ilaaluu adda cituu isaatti angawoonni Raashiyaa gammachuu isaanii ibsachaa turan. Itti aanaan mana maree nageenya Raashiyaa Dimitirii Medveedeev fuula miidiyaa hawwaasaa “X” irratti bareeffama maxxanseen “ Booyyeen of tuulaan sun dhuma irratti waajjira Oovalii keessaa gadi darbatamuun waan isaaf malu argateera.” Itti dabaluunis “ Tiraampi sirriidha, Abbaan irree Keeyiv waraana Addunyaa Sadaffaan qumaara taphataa jira” jedhe.

Hoogganaan waajjira Zeleeniskii Anrii Yermaak “ Pireezidaantiichi biyya keenyaaf falmaa jira, kan nagaa waaraaf dhaabbatan hundaaf’ jechuun hoogganaa Yuukireeniif falmeera. Akka inni fuula miidiyaa hawwaasaa “X” irratti barreessee maxxanseen “ Wabii dhugaa malee waraanichi ni deebi’a” jedhe.

Hooggantoonni biyyoota Awurooppaa Firaansi, Jarman, Finlaandii fi Nezeerlaandis dabalatee fuula miidiya hawwaasaa irratti sagalee isanii dhageessisaniin Yuukireeniin akka deeggaran kan ibsan. Bakka bu’aan olaanaan Gamtaa Awurooppaa kan dhimmoota laa Kaajaa Kalaas “ X” irratti waan maxxanseen “ Yuukireen Awuurooppadha!, Yuukireen waliin dhaabbanna.’ Itti dabaluunis Kalaas “ Yuukireen weerara kana ofirraa akka ittistuuf deeggarsa keenya itti fufna. Har’a ifatti akka mul’ate Addunyaan walabaa kun hoogganaa haaraa barbaaddi. Qormaata kana fudhachuu kan qabnu nuyi warra Awuurooppaati” jedhe.

Tiraampii fi Zeleneeskiin Kanaan dura qaamaan wal arganii kan turan yommuu ta’u kan Jimaata darbee kun garuu erga Tiraampi Waayit Haawuus seenee isa jalqabaa isaaniiti. Jlaqaba ji’a darbee irratti lamaan isaaniiyyuu bilbilaan kan waliin dubbataniiran yommuu ta’u kunis erga Tiraampi pireezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin bilbilaan dubbateen boodadha. Erga gara Waayit Haawus dhufeen booda Tiraampi duula dhiibbaa Yuukireen irratti uumuu dabalaa kan dhufe bara 2022 ji’a Guraandhalaa keessa waraanicha dursa kan kaase Keeyiv jedhee, Zeleeneskiidhaanis “ Abbaa Irree” jechuun dubbateera.

Tiraampi Yuunaayitid Isteetisi waraana Yuukireeniin deeggaruuf maallaqa doolaara biiliyoona 350 basteetti jechuun irra deddeebbiin dubbateera, kunimmoo hanga maallaqaa ministirri humna waraanaa fi Ejensiin garee gargaarsaa Yuunayitid Isteetisi Yuukireeniif taasifte galmeesseen caalee argameera. Kun Kanaan ta’ee osoo jiruu Tiraampi hirmaannaan Keeyiv ykn michoonni Awuuroooppaa osoo hin jiraatiin kallattiin Raashiyaa waliin akka marii’ataniif dhiibbaa irratti taasiiseera. Kanas “Yaada waloof” jechuun gochaan isaa kun sirrii ta’uu Kamisa darbe ibsa oduu gabaastootaaf kenneen ibseera. Mariin kun baay’ee fooyya’aadha kan jedhe Tiraampi waraanichatti xumura taasiisuuf daandiin jiru dhiphaa ta’uu isaas akeekkachiiseera. Puutiin waadaa isaa akka eegu amantaa irraa akka qabus ibseera Tiraampi.

Forum

XS
SM
MD
LG