Kan hidhaan umurii guutuu irratti murtaa’ee ture dura teessuu paartii tokkummaan haqaa fi dimokraasii aadde birtukan Mideksa mana hidhaatii gad dhiifamanii gara mana isaanii Finfinnee keessatti wayiti geessaman deggertoota isaan biraa simannaa argatanii jiran.
Hookkara filannoo bara 2005 hordofee uumameen wal qabatee hoogganoota mormitootaa hidhaman hedduu keessaa tokko kan turn Aadde Birtukaan,boodas dhiifamni godhameefii gadhiifaman.
Bara 2008 keessa garuu, hiriira mormii geggeessameef itti gaafatama hin fudhadhu, dhiifamas hin gaafanne jechuu isaaniitiin deebi’anii hidhaman.
Gabaasi mirga dhala namaa ministrii dantaa alaa Yunaaytiis Steets biraa baatii bitootessaa keessa ba’e akka jedhutti haalli fayummaa sammuu aadde Birtukaan gad bu’aa adeemuu isaaf odeeffannoo qabatamaatu jira jedha ture..
Angawoonni Itiyoopiyaa garuu hooggantuun garee mormitootaa kun qaamas haa ta’u sammuun isaanii dhukkubsachuu haalanii jiran. Muummichi ministeeraa Meles Zenawis gabaasi haala fayyummaa Adde Burtukaan kun kaka’umsa Polotiikaa of keessaa qaba jedhanii jiran.