Bokkeennii hagayyaa barana qaqallachuu fa danaha,harooleen durii warabbatanillen ya goggodde,porojeektiin bisaan Gannaalee birrii biliyoona hedduun hojjachaa bahan jedhanilleen hardhallee ‘dhadhuma ibidda bu’e tahe’ aanaaleen gammoojjii Gujii Bahaa rakkoo bisaanii hamtuu keessa jiran.
Akka warrii lafaa jedhutti durii rakkoon bisaanii hamtuu gama baaddiyaa jirti. Amma Nageellee Booranaalleen rakkuma akkanaa keessa jirti.Nagellettuu boottiin bisaan namatti waraabuutti jiran.
Akka aabba Abbiduuba Soraa,itti gaafatamaan waajjira ODP aanaa Liiban jedhetti Nageellee Booranaa bootii lamatti guyyaatti bisaan itti waraaba.
“Jerkaanii tokko birrii 15ti Beenzinaatii fi bisaanii gatiin wal qixxe,” jedha.
Bisaan sunuu akka aabba Abbiduubii jedhetti nama humna qabutti bitata.Akka aabba Abbiduubi jedhutti namii bisaan dhabee akka hin jiru. Nageelletti “bootteen ummata qulaamsuutti jiran.”
Fulaan akkana rakkoo bisaanii itti himan Gumii Eeldalloo ,Liiban gama tokko, Gooroo Doolaa…
Aanalee gammoojjii Gujii Bahaatti 3-4 oolanii bisaan argatan.Aabba Abdii Roobaa jaarsa biyyaatii warra Nageelleetti.
“Warra kiyya waliin halkan saatii 10 bisaan barbaada yaanee achuma oollee galle jireennii namaatuu akkanuma jira,” jedha.
Aanaleen gammoojjii Gujii Bahaa bisaan lafaa dhabanii namii maddoo bisaan irratti wal mudduutti jira.“Madda bisaan keessaa waraabbatan, nama achi keessa jiru, harree bisaan waraabduu worofaan wal hin gahu.,” jedha aabba Abbiduubii.
Bisaan laga Gannaalee ka nama dhibba hedduu dheebuu fi beela baasa jedhanii ganna 15 duratti jalqaban akka aabba Abbiduubii jedhetti dhadhuma ibidda bu’e tahe.“Waan bisaan kanaa haasahuunuu ya nu jibbisiifte.”
Liiban,Gumii-Eeldalloo,Nageellee Booranaa fi olloota isiitti abbaa warraa kuma 100 caalutti rakkoo bisaanii keessa jira.
Laftii akka Mi’eessaa,Simintoo,Gurra-Dheeraa,Dhakaa-Qallaa, Hara-Dotii faatii olloota rakkoo akkanaa keessa jiran.
Gujii Baahaa aanalee gammoojjii torba qaba. Maddoo bisaanii wal irra gooman qaban malee aanaa Gorooo Doolaa,Waadera faatillee rakkuma akkanaa keessa jiran.
Bulchiinsilleen diqqaatullee boottii jiru baaddiyaatti ergee faluutti jira. Bisaan naanoo sunitti dhiyoo tana bahanilleen yoo silaa afaan nama dhaqqaban woma abdatan.
Namii yoo isiin tolte bokkaa Hagayyaa eegata.Sun jiraachuu baannaan akka aabba Abbiduubi jedhutti soda guddoo.