Xurree ittiin seenan

Breaking News

Awwaanisii isaniin bahee maaniin ufi irraa dhowwuutti jirtan? Booranatti qorqooroo itti dhaananii qawweelleen hadhanii ufi irraa dhowwan


Boorannii awwaanisa itti baafate qorqooroo itti dhaane aara itti afuufee ufi irraa dhowwuutti jira
Boorannii awwaanisa itti baafate qorqooroo itti dhaane aara itti afuufee ufi irraa dhowwuutti jira

Awwaanisii waan itti iyyaa guddoo sodaata.Qorqoorii fi jrekaanii itti dhaannee qawwee itti tokkofnee ufi bira dabarsine
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:06 0:00

Duulii Awwaanisaa Itoophiyaa irra maruutti jiru kun dhiyoo tana Keenyaa am Kaabaati kahee gulaan Booranaan bahe. Akka warrii arge jedhutti yoo gama dhufu duumasa,awwaara fi duumansa bokkaa fakkaata.

Yoo tokko tokko gadi dhiyaataa waan dotii,jiituu argee jennaan bira hin dabru. Lafa irraa haga metirii 5-7 yoo tokko tokko ammoo sunillee caalaa fagaatee yaa’a.

Adoo lafatti gadi dhiisanii lafa km 10 hin guuta. Yoo inni yaa’u allaattii,qoree fi harraanqessatti nyaachuu faana yaa’a.

Akka Falmataa Nuuraa Yaaballoo jedhetti awwaanisii kun allaatii fi harraanqessallee jabeessee ufi irraa dhowwa. “Taatullee koolaan dhahee buusee nyaata.”

Awwaanisii kun waan waan gurraatti lafatti jissaa yaa’a. “Wannii gurraatiin sun udaan isaati” jedhan.Awwaanisi yoo qawwee itti tokkosan oli fagaatee baqata yoo ammoo qorqooroo fi jerkaanii itti dhaanan diqquma oli fagaatee deebi’ee taa’a.

Awwaanisii waan itti qajeelee ka akka baadallaa,xaafii.misingaa fi waan hedduu daaraa tolchee biraa yaa’a.

Bineensii midhaan barbaada yaahu kun ammallee Booranaa baddaa hedduu keessa jira. Namii lafa jiituu irratti eegatee ufi irraa dhowwuutti jira.

Amma hagii guddaan Boorana bira dabree gara karaa gara Konsoo dabre jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG