Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abbaan Gadaa Booranaa,Kuraa Jaarsoo rakkoo godina isaa bulchiinsa Oromiyaatii fi Federaalaatti himuuf miilota isaa waliin Finfinnee jira


'Naannoon Somaalee godina Booranaa irraa lafa kutattee zoonii tolfachuuf falachuutti jirti'
'Naannoon Somaalee godina Booranaa irraa lafa kutattee zoonii tolfachuuf falachuutti jirti'

"Bulchiinsii naannoo Somaalee Boorana irraa lafa fudhatee zoonii tolfachuuf falachuutti jira"
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:41 0:00

Rakkoo Booranaa Abbaa Gadaa, Kuraa Jaarsoo,Abbaa Gadaa Gabaraa Ibraahim Jiloo fi miilota isaaniitti Finfinnee dhaqee bulchoota Federaalaatii fi naannootti himachuutti jira.

“Waraanii naannoo Somaalee bara hedduu nu hadhaa bahe,” jedha Abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoo.

Bara kana ammoo bulchiinsii Somaalee lafa Booranaa keessatti 'Daawwaa Zooni’ jedhee godina haaraa jaarrahuuf itti jira.

Bara 2008 zoonii akkanaa jaaruuf kahee hajaja muummee ministera Itoophiyaa, Hayilee Dessaalenyi irratti dide jedha Abbaan Gadaa.

Kuraa Jaarsoo,abbaan Gadaa Booranaa 71essoo
Kuraa Jaarsoo,abbaan Gadaa Booranaa 71essoo

Kuraa Jaarsoo Bitootessa 2, 2017 Abbaa Gadaa,Guyyoo Gobbaa irraa baallii fuudhe.

Abbootii Gadaa rakkoo himahuuf Finfinnee dhufan bulchinsii naannoo Somaalee lafa Boorana irratti lafa dhibii jaarrachuuf falachuutt jira jedhan.

Abbaan Gadaa Booranaa,Kuraa Jaarsoo ammoo Goofaa fi Laheeyi handhuraa Booranaati jedha. Tulaa sallan Booranaa keessa tokko Goofaa fi Laheeyi."

Naannoo Somaalee “bara 2010 irralleetti lafuma teenna, aanaa Mooyyalee ganda Caamuqi irratti biiroo banatanii waraanii dhalate.”

Abbootii Gadaa Booranaa fi Gabraa rakkoo godina isaanii kana pirezidaantii naannoo Oromiyaa, Lemmaa Magarsaa,itti gaafatamaa nagaa Oromiyaa Jeneraal Kamaal Galachuu fi bulchoota akka akkaatti himan.

Laftii naannoon Somaalee zoonii itti jaarrachuuf kaate akak abbootiin gadaa jedhanitti Mooyyale,Guchii,Waacille,Areero,Qadadduma,Borbor,Cillaanqoo fa. Kun cuftii “handhuraa Booranaati.”

Aanaa Oromoo Gabraa keessallee akka Abbaan Gadaa Gabraa,Ibraahim Jiloo jedhetti Galgaloo Diimtuu ammoo gama ufii kutachuu fedhan.

"Tanuma irratti hardhaa fi kaleellee waraanii naannoo Somaalee kun alaabaa naannoo ufii dhaabee Qabbanaahaa,Gooroo Buttee fa keessatti nama hadhe," jedha Abbaan Gadaa Garaa. “Nama lama nurraa fixanii 5 madeessan."

Bulchiinsii Oromiyaa rakkoo tana itti himatan akka naannoon Somaalee zoonii haaraa baafachuuf deemtu quba qaba. Naannoo Oromiyaa,lafa Booranaa keessatti godina haaraa jaaruun hin taatuu gama naannoo lamaaniituu koree dhaabanii qorachuu waadaa gale bulchiinsii rakkoo itti himatan.

Waraanii naannoo Somaalee kun akka Abbootiin Gadaa Booranaa fi Gabraa jedhanitti bara hedduuyyuu olloota Booranaa Liibanii fi Dirreetti barbaadee hadhaa bahe.

Godina Gujii Bahaa keessallee Madarii fi Halluullee ya hadhe jedhan.Boorana gama Liiban keessaa aanaa Gumii Eeldalloo fi Odaa Diimaa keessaa manneen barnootaa 12 lola kanaan cufan lafa teenna ta albuubaa Odaa-Diimaa waraanii guddaan lolee nurra fudhatee jedha Abbaan Gadaa Booranaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG