Xurree ittiin seenan

Breaking News

"Gadaan Kun Oromoo Maraaf Waltajjii Wal Qixxuummaa Akka Ta’un Hojjadha,” Gadaa Hawaas, Abbaa Gadaa Karrayyuu Baallii Fuudhe


Baallii tana Abbaa Bookkuu Tuuta Gadaa Meelbaa, Hawaas Roobaatti Abbaa Bookkuu Tuuta Gadaa Michillee, Gadaa Hawaasii kenne
Baallii tana Abbaa Bookkuu Tuuta Gadaa Meelbaa, Hawaas Roobaatti Abbaa Bookkuu Tuuta Gadaa Michillee, Gadaa Hawaasii kenne

Abbaan Gadaa Karrayyuu,Gadaa Hawaas Nagumaan Baallii Fuudhe
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:03 0:00

Abbaan Gadaa Karrayyuu haarawa muudaman Gadaa Hawaas, ‘Itti gaafatama fudhataniin Gadaa Gadaa walqixxummaa gochuun akka hojjetan dubbatan. Sirni Baallii wal harkaa fuudhiinsaa Sirna Gadaa Karrayyuu Shawaa Bahaa bakka ‘xuxxuuxii’ jedhamutti ka gaggeeffame yoo tahu, Abbaan Gadaa duraanii Hawaas Roobaa Hawaas ka haarawa muudaman; Gadaa Hawaas’f itti gaafatamumma dabarsanii jirani.

Gadaan karrayyuu, Sirna Gadaa Oromoo gargar hin citin darbaa dhufe keessaa tokkodha.

Oromoon naannoo Shawaa bahaa qubatan Karrayyu erga Fantaallee qubatanii as qofa sirni Gadaa baallii wal harkaa fuuchuu Roobii darbe kanaa kaasee haga kaleessaatti ka gaggeeffamaa ture kana marsaa sagaliif yeroo 45faaf gaggeeffataniiru.

Akka kanaan akka odeeffaannoon Waajjira Aadaa fi Tuurizimii Godina Shawaa Bahaatti; kunis wagga 360 darbuu isaati.

Sirna kana irrattis Abbaan Gadaa Meelbaa ka taayitaa kennan Hawaas Roobaa, Abbaa Gadaa Birmajii Gadaa Hawaasii’f baallii dabarsaniiru. Sirna kanarratti cidha godhanii itti gaafatamumma ka fudhatan Abbaan Gadaa haarawi, Gadaa Hawaas.

Sirni Gadaa Karrayyuu sirnoota Gadaa Oromoo kaan waliin adda addummaa hedduu hin qabuu jedhu, Itti Gaafatamtuun Waajjira Aadaa fi Tuurizimii Godina Shawaa Bahaa aadde Sumahiyaa Usmaan.

Garuu waanti akka muuxannootti Gadaa karrayyuurraa fudhatamuu qabuu hedduutu jira jedhu.

Sirni baallii wal harkaa fuudhiinsaa kunis roobii darbe kanaa kaasee haga kaleessaatti sagantaaleen gara garaa gaggeeffamanii xumuramee jira.

Sirni Gadaa Karrayyuu duraan, Fantaalle bakka Tarree Leedii jedhamutti gaggeeffama ture, barana garuu bakki kun misooma jallisii naannootiin waan fudhatamee jiruuf, bakka xuxxuuxii jedhamutti ka gaggeeffame.

Abbaa Gadaa haarawa itti gaafatamumma fudhatan Gadaa hawaas bakka haarawa kanatti, bara kana keessa itti gaafatama fudhachuun koo Ayyaantummaa dha jedhu.

Abbaan Gadaa, Gadaa Hawaas cidha baallii wal harkaa fuuchuu kanarratti, korma qalanii harras sirna itti aanu xumuruuf qe’ee Warra Qaalluu akka jiran dubbatan.

Gadaa Oromiyaa bakka gargaraatti kopha kophaatti gaggeeffamu kanaaf mootummaan maal yaadaa jedhee itti gaafatamtuu Waajjira Aadaa f ituurizimii Aadde Sumayyaa Usmaan geeffeen ture.

Sirna Baallii wal harkaa fuudhiinsa Gadaa Karrayyuu kanarratti, keessummootni, Abbootiin Gadaa kaanis irratti argamuu aadde Sumayyaan dabalanii himanii jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG