Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abbootin amantii Itoophiyaa rakkoo Itoophiyaan keessa jirtu furuuf akka mootummaa federaalaa fi naannoo waliin hojjatan gaafatan


Kaartaa Itoophiyaa

Korii abbootii Finfinnee kun akka Itoophiyaatti olaantummaa seeraa jabaattee laftii nagaa taatu fedhan.

Koriin kun kun nagaa dhabiitii torbaan dabre Itoophiyaa keessattu naannoo Oromiyaatti mullate irratti ibsa baase.

Akka abbootiin amantii jedhanitti wannii nagaa nama dhowwuutti jiraa fi lubbuu balleessuutti jiraa wanjala namii amantii tokolleen itti callisuu hin malle.

Akka jecha Paatiriyaarkii Ortodoksii Itoophiyaa Abune Maatiyaasitti hujiin mootummaa ummata isaa ila tokkoon laalu.

Pirezidaantiin mana marii musliimaa Itoophiyaa Muftii Haaji Uumer warrii nagaa eegullee nagaa biyya eeguuf itti gaafatama qaba.

Pirezidaantiin kirstaanaa Qaalee Hiywotii Itoophiyaa Doktor Iyyaasuu Eeliyaas mootummaan qaraayyuu adoo rakkoon harkaa nama hin baanee tohachuu male jedhe.

Fulaa bu’aan kaatolikii Itoophiyaa Teshoomee Fiqruu warrii rakkoo fi wal dhaba biyya keessatti dhalu hujii tana dhiisuu male.

Pirezidaantiin waldaa manneen amantii wongela Itoophiyaa paaster Tsadiquu Abdoo warrii manneen amantii miidhuu hujii hin fakkaanne hojjate jedhe.

Akka abbootiin amantii jedhanitti wal dhabii naannolee fi federaalaa jiduutti deemuutti jiru egeree biyyaatiifuu faaydaa hin qabuu waliin hojjadhaa jedhanii dhaaman.

Hawaasii Itoophiyaa WDC fi naannoo isii jiraatulleen Ministera Haajaa Alaa Amreikaa fuul duratti bahee akka mootummaan nagaa lafaa eegu gaafatan.

Tana maleellee akka Amerikaan lammiilee isii achi jiranilleen 'tasgabbaahaa' jettu gaafatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG