Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jijjirama Argame Gatachisuuf Sochiin Qindominaan Gaggeeffamu Jira: Dr. Abiyyi Ahmad


Walitti bu'iinsa baatilee lamaa fi sadeen darbe keessa uumamanii godaansa uummataa fi ajjechaa lammiwwaniif sababaa ta’an irratti karoorfamee deggersii maallaqaa ramadameefii kan gaggefamee dha jechuun mummichi ministeeraa Abiyyi Ahamed har’a mana Maree bakka bu’oota ummataa fi federeeshini ibsanii jiru.

Ejjennoo mootummaa isaanii ibsan gabaasaa fi kallatti walga'ii idilee 3ffaa har'a gaggeeffameen lakkoofsa 2/2011 ta'ee ragga'eera.

Rakkoo uumamee kana duguugamiinsa sanyiitti hidhuun warra biyya keenya akka maqaan badu barbaadaniif karaa banuudha kan jedhan Dr. Abiyyi mootummaan walitti bu'iinsa mudatu fashaleessuuf hojjechaa jira jedhan .

Gareen karoorfatee nagaa dhoowwuuf hojjetu akkuma jiru, mootummaan ammoo sana ittisuu irratti qiyyaafatee yeroo hajjataa jiruutti ummannis nageenya naannoo isaa tikfachuu qaba jedhan.

Magaalaa Hawaasaa, Buraayyuu, Finfinnee, Beneshaanguul fi Gaambeellaa keessaa kanneen to’annaa jala oolana akka jiranii fi Keessumaa Finfinnee keessaa lakkofsii isaanii ol jedha akan ta’e leenjiif ergamanii kan turan ta’u dubbatan.

Looltoota dhiyeenya kana masaraa mootummaa seenan kan ilaaleen namoota shan ykn kudhan hin taaneetu aguuggii dabala mindaa jedhuun kaayyoo jijjirama argamee gatachisuuf turan jedhan.

Mummichi ministeeraa Abiyyi akka jedhanti yakkamaan eenyuun iyyu haa ta’u, saba kamiin iyyu haa ta’u seera duratti ni dhiyeessina.

Kutaa 1ffaa: Jijjiirrama Argame Gatachiisuuf Shirri Qindoominaan Gaggeeffamu Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:29 0:00
Kutaa 2ffaa: Jijjirama Argame Gatachisuuf Sochiin Qindominaan Gaggeeffamu Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:16 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG