WASHINGTEN DC —
Filannoo Itiyoophiyaa baatii shanii booda deemsisama, jedhamee eegamu ilaalchisee, paartiileen siyaasaa hagi tokko sochii jalqabanii jiru. Kanneen keessaa hoogganoota paartiilee lamaa jechuun Hayyu duree Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Daawud Ibsaa fi Dura-taa’aa Koongiresa Federaalawa Oromoo Proofeesar Mararaa Guddinaa jaalllanneen har’aaf dubbistee jirti.