Xurree ittiin seenan

Breaking News

ABO fi ODPn Waliigaltee Isaanii Daran Cimsanii Waliin Hojjechuuf Waliigalan


ABO fi ODPn Waliigaltee Isaanii Daran Cimsanii Waliin Hojjechuuf Waliigalan
ABO fi ODPn Waliigaltee Isaanii Daran Cimsanii Waliin Hojjechuuf Waliigalan

Paartiin Dimookiraatawa Oromoo yokaan ODP fi Addi Bilisummaa Oromoo waliigaltee ammaan dura Asmaraatti tolfatan cimsuun rakkoo gidduu isaaniitti uumamu waliin furaachaa waliin hojjechuuf har’a Finfinneetti waliigalanii jiran.

Hooggantoonni paartilee lameenii: I/A Dura taa’aan ODP fi Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaan fi Hayyu-dureen Adda Bilisummaa Oromoo – Obbo Daawud Ibsaa har’a ibsa waloo kennaniin, waliigaltee paartiilee lameen gidduutti Asmaraatti tolfafatan irratti hundaa’uudhaan ammaa booda waldhaggeeffachaa hojii irraa oolfama waliigaltichaa fi dantaa uummata isaaniif akka waliin hojjetan hubachiisanii jiran.

Waliigaltee kana ilaalchisuun kan har’a Finfinneetti bilbillee dubbisne, pirezidaantii itti-aantuun Oromiyaa – Aadde Xayyibaa Hasan Kaayoo, walii-galtee har’aa kana gad-dhaabuu irratti kan qooda guddaa gumaachan maanguddoota Oromoo wal-filanii dhiheenya kana gara Lixa Oromiyaatti imalanii dacha’an tahuu nuuf ibsan.

Gaaffii fi deebii guutuu dhaggeeffadhaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:09:22 0:00

XS
SM
MD
LG