Addi Bilisummaa Oromoo, Waxabajjii 25, bara 2018 jechuun, Wixata dabre kana ibsa baaseen, “Jijjiirraa bu’uraa fiduuf warraaqsa ka’e akka milkaa’ina itti fuuleffate hin geenye fashalsiisuuf, mootummaan Itiyoophiyaa duula geggeessaa jira” jechuun balaaleffatee jira.
Qabsoo bilisummaa Oromoo Adda Bilisummaa Oromootiin hoogganamun, addatti ammoo, sochii addaa Fincila Diddaa Gabrummaa fi Fincila Xumura Gabrummaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo geggeessameen dhiibbaa cimaa uumameen hoogganootni OPDO dhalootaan Oromoo tahan, kanneen dhiheenya aangoo ol’aanaa EPRDFtti dhufan, lola namootaa fi qaamota mootummaa Itoophiyaatiin karoorfamee saba Oromoo irratti geggeeeffamu dhaabsisuu, walumaagalatti Saba Oromoo fi saboota cunqurfamoo Itoophiyaa ka biroof jijjiirama wayyaawaa fiduu danda’u, abdiin jedhu jiraate iyyuu hujiitti mullataa hin jiru jedha ibsa ABO.
Itti fufuudhaanis haala gaddisiisaa taheen, lolli waggoota muraasa dura aangawoota siyaasaa, qondaalota waraanaa fi tikaa ol’aanoo TPLF/EPRDFiin karoorfamee Saba Oromoo fi Adda Bilisummaa Oromoo irratti geggeeffamaa ture daranuu jabaatee itti fufee jira jechuudhaan balaaleffate.
Kana ilaalchisuun Hayyu-duree Adda Bilisummaa Oromoo – Obbo Daawud Ibsaa haasofsiisnee jirra. Dhaggeeffadhaa.