Xurree ittiin seenan

Breaking News

ABUT naannoo Amaaraa keessatti qabeenyaa barbadeesse, jedhu angawaan naanichaa


Magaala Dasee, Onk 9. 2021
Magaala Dasee, Onk 9. 2021

Addi bilisummaa ummata Tgiraay / TPLF naanno mootummaan Amaaraa keessatti tarkaanfii fudhateen qabeenyii Dirrii biilioona 79 .5 ti ykn Doolara Miiliyoonii 1.7 ti tilmaamamuu barbadaa’uun isaa himameera.

Hogganaan biiro karooraa fi misoomaa naannoo Amaaraa obbo Animuut Bellexe akka sagalee Amerikaatti himanitti , umnoonni Tgiraay haata’u jedhanii jarmiyaalee qabyyee waraanaa hin taane irratti badiinsa raawwataniiru.

Komishiiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa dhiheenya kana ibsa baase keessatti , Hiwehat nannoo Amaaraa keessatii bakkeewan umnaan qabate irraati badiinsa raawachuu isaa akka gabaase hin yaadatamaa.

Hoggantoonni ABUT himannaa mootummaan naanno Amaaraa dhiheesse kanaaf deebii kennuu baatanus , akka sarbiinsa mirga namoomaa hin raawwatnee fi qabeenyaa mancaasuu irratti akka hin hirmaanne kanaan dura dubbachuu isaanii gabaasni Aster Misgaanawu ibseera.

XS
SM
MD
LG