Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromiyaa Keessatti Sochiin Yeroon Daangessamuun Himame 


Marfata magaala Baddallee (suuraa faayilii)
Marfata magaala Baddallee (suuraa faayilii)

Nagaa fi tasgabbii biyyaa akkasumas naannichaa eegsisuuf, daangaan yeroo sochii kaa’amuu, Mootummaan Naannoo Oromiyaa beeksise.

Hoogganaan Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Naannoo Oromiyaa, Obbo Haayiluu Addunyaa akka Sagalee Ameerikaatti himanitti, konkolaattotni hanga galgala keessaa sa'aatii lamaatti, namni ammoo hamma sa'aatii sadii qofaatti socho'uu danda'u.

Naannoo Oromiyaa keessatti, namni kanaan dura meeshaa waraanaa isaa galmeessises tahe hin galmeessisin, galmeessisuutu irraa eegama, jedhan – Obbo Hayiluun.

Oromiyaa Keessatti Sochiin Yeroon Daangessamuun Himame
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:13 0:00


XS
SM
MD
LG