Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiwmaan Raaytis Waach Gamtaan Afriikaa komiishina MIrga Namaa Akka Deggeru Gaafate


Asxaa Gamtaa Afrikaa, wajjira Finfinnee (Suraa faayilii)
Asxaa Gamtaa Afrikaa, wajjira Finfinnee (Suraa faayilii)

Gareen mirg namaaf falmu Human Rights Watch kan wixata har’aa jalqabamu wal ga’ii gamtaa Afriikaa kan xumura waggaa irratti, komiishina mirga namaa fi mirg uummataaf deggersa akka deggersa akka godhu yaadachiise.

Human Rights Watch, ibsa dilbata kaleessaa baaseen wal ga’ii komiishinichaa 69ffa irratti gamtaan Afriikaa Itiyoophiyaa dabalatee kan babal’ataa adeeme rakkoo mirga namaa fi dimokraasii ardittii miidhaa jiru hatattamaan akka furu gaafatee jira.

Itiyoophiyaa keessaa lolli hammaataa adeemee fi dararaan naannoo Tigraay irra darbee geggeessamaa jiru jedha Human Rights Watch, keessumaa gamtaan Afriikaa biyyoonni miseensa ta’an dirqama irra jiru akka ba’an gochuuf akka ulaagaa mirga namaa fi qajeelfama cimaa qabutti, cicha isaa agarsiisuu qaba jedhee jira.

Human Rights Watchitti damee mirga namaa Afriikaaf daayiriktera kan ta’an Karinii Kaneezaa Nantuliyaa, adda addummaan qaamotii siyaasaa gamtaa Afriikaa fi waaltaalee mirga namaa Afriikaa gidduu jiru bal’ataa adeemuun guddina seera mirga namaa Afriikaa kan kurna hedduuf fooyya’aa adeeme balaa irraan ga’uuf deema jedhan.

HRW itti dabaluu dhaan gamtaan Afriikaa, Sudaan fi iChaad ilaalchisee galmeelee seeraa lamaan jechuun seera heeraa kan gamtaa Afriikaa fi dimokraasii, filannoo akkasumas chaarterii dimokraasii hojii irra oolchuu dhabe jedhee jira.

Waggaa kana, gamtaan Afriikaa fonqolcha mootummaa kan waraanni Onkoloolessa 25 geggeesseen booda Sudaaniin miseensummaa irraa rarraasee jira, garuu ennaa waraanni Chaad xuura baatii Eblaa irra mootummaa fonqolche tarkaanfii wal fakkaatu hin fudhanne jecchuu dhaan ibsi sun qeeqee jira.

XS
SM
MD
LG