Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaan Mootummootaa Gargaarsa Namoomaa Itiyoophiyaa Keessaaf Doolaara Miliyoona $40 Ramade


Itti gaafatamaa dhimmootii gargaarsa namoomaa kan tokkummaa mootummootaa Martin Griffith (Suuraa faayilii)
Itti gaafatamaa dhimmootii gargaarsa namoomaa kan tokkummaa mootummootaa Martin Griffith (Suuraa faayilii)

Itti gaafatamaan dhimmootii gargaarsa namoomaa kan tokkummaa mootummootaa Martin Griffith, har’a Itiyoophiyaa dhaaf kan oolu gargaarsa namooaa lubbuu oolchu akkasumas siivilootaaf deggersa gochuuf kan oolu gargaarsa doolaara miliyoona $25 Itiyoophiyaaf ramadanii jiran.

Biyyattii keessa kan maadheffate gareen gargaarsa Namoomaas doolaara miliyoona $15 ramaduu isaa ifa kan taasise yoo ta’uwalumaa gala deggersa Itiyoophiyaaf taasisame doolaara miliyoona $40n ga’ee jira.

Maallaqi deggersaa walitti dabalamuun kenname kun naannoo kaaba Itiyoophiyaa bakka walitti bu’iinsaan miidhameef akkasumas hongee Itiyoophiyaa gma kibbaa keessaaf oola.

Uummanni biyyattii gama kaabaa kanneen miliyoonaan laka’aman rakkoon namoomaa hammaataa waan adeemeef jireenyi isaanii balaa hamaa keessa jira kan jedhan Martin Griffiths, dhiyeenya Itiyoophiyaa daawwatanii deebi’an. Guutuu biyyattii keessaa fedhiin gargaarsaa dabalaa adeeme jedhaniiru. Maallaqi deggersaaf kennamu kun, jaarmoliin gargaarsaa namoota akkaan miidhaman gargaruu, eegumsaaf oola.

Tigraay, Amaaraa fi naannolee Affaar keessaa gargaarsi kennamu kun jaarmoliin gargarsaa eegumsaa fi deggersa lubbuu oolchu namoot walitti bu’iinsaan miidhaan irra ga’eef itti gargaaramu. Dubartoonni, ijoolleen dhiiraa fi durbaa dhiibbaan walitti bu’iinsa kanaa akkuma itti ulfaatetti jira. Eegmsa goochuufiif garuu maallaqi ga’aan hin jiru.

Naannoo Somaalee fi Oromiyaa kan hongeen dha’amaniif gargaarsi maallaqaa itti dabalaa kun dursanii deebii kennuu akkasumas tarkaanfii rakkoo jiru tilmaamanii furuuf oola. Dhaaboliin gargaarsaa bishaan dhugaatii dhiyeessuu, deggersa dhibeewwan bishaan qulqulluu hin taane irraa dhufanii fi yaaddoo weerara dhibee koleeraa ilaalchisee jiru gad xiqqeessuuf tattaaffii gochaa jiran. Hawaasaaleen tikfatee bulaas beeladaalee isaanii akka eeggataniif deggersa ni taasisu.

Deggersi maallaqa haaraa kan deebii yeroo hatattamaa waggaa kana deggersa Itiyoophiyaaf kenname doolaara miliyoona $65n ga’ee jira.

Haa ta’u malee duula gargaarsa namoomaa guutuu biyyattii guutuuf hanqin maallaqaa doolaara biliyoona $1.3 kan jiru yoo ta’u, kunis kan deebii naannoo Tigraay keessaaf ta’u doolaara miliyoona $350 dabalata.

XS
SM
MD
LG