Xurree ittiin seenan

Breaking News

Addunyaa irratti lakkoobsi namoota qe’ee ofii irraa buqqa’anii Miliyoona 84 gahe


Faayilii - Mooraa baqattootaa Mangateen jedhamu keessaatti namoota bishaan waraabbachaa jiran, Waxabajjii, 2019, Sudaan Kibbaa
Faayilii - Mooraa baqattootaa Mangateen jedhamu keessaatti namoota bishaan waraabbachaa jiran, Waxabajjii, 2019, Sudaan Kibbaa

Jarmayaan baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa lakkoobsi namoota qe’ee ofii dhiisanii deemuuf dirqamanii walakkeessa waggaa kanaa gara miliyoona 84tti ol guddachuu isaa beeksisee jira.

Lakkoobsi kun ol ka’uun keessumaa sababaa walitti bu’iinsa Afriikaa keessa jiruu irraan kan ka’e ta’uu ibsee jira. Komiishinerri dhimma baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa kamisa har’aa akka ibsanitti, lakkoobsi namoota qe’ee ofii irraa buqqa’anii xumura bara 2020tti gara miliyoona 82.4tti ol guddatee ture jedhan.

XS
SM
MD
LG