Xurree ittiin seenan

Breaking News

Faalama Qilleensaa Irratti Wixineen Waliigaltee Dhiyaatee Jira


Koonfirensii COP26, Glaasgoo Skootlaand
Koonfirensii COP26, Glaasgoo Skootlaand

Wixineen walii galtee haaraan Jimaata har’a walgahii waa’ee faalama qilleensaa irratti Glaasgoo Skootlaand keessatti gaggeeffamuuf dhiyaatee jira.Kunis biyyonni ho’a qilleensa addunyaa digrii seentgreedi 1.5 gad taasisuu kan of-keessaa qabu yoo ta’u, kaayyoo bara 2015 Pariis keessatti irratti walii galamees isuma kana ture.

Walii galteen kun kanneen Glaasgoo keessatti walitti qabaman maraan mallatteefamee Jimaata har’a akka lakkoobsa biyya sanaatti gara dhiyaatti kan xumuuramuu ta’uus, mariin gaggeeffamuu hanga galgalaa fi guyyoota dhuma torban kanaatti itti fufuu mala.

Wixinee haaraan yeroo dhiyaatu torban kana keessa yeroo lammataaf yoo ta’u gamnii hunduu waliigaltee kana fudhatee faalama qilleensaa kana waggaa 10 keessatti hatattamaan hanqiisuun akka danda’amuuf waamicha dhiyeesse.

Ho’a addunyaa digrii Seniigreedii 1,5 tti daangeessuuf hatattamaan fi gad fageenyaan akkasumas haala wal irraa hin cinneen hanqiisuu barbaada jedha yaadii dhiyaate.

XS
SM
MD
LG