Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hojjattoota Keenya Gadhisisuuf Mootummaa Wajjiin Dubbataa Jirra: Tokkummaa Mootummoota  


Dubbii himaan Tokkummaa Mootummootaa Steefan Juriik akka jedhanti hojjattonni jaarmayichaa 9 fi shoofeeronni kokoolaa fe’umsaa 70 caalan hidamuu isaanii ibsanii mootummaan akka hiiku gochuuf dubbataa jira jedhan.

Haga danda’ameetti hatattamaan waahiloonni keenya akka gadhiifaman barbaannaa, kanneen hojii kontrataaf tokkummaan mootummootaa fi dhaabbattonni dhunfaa kan aaddunyaa biroo bira hojjataa jiranis hatttamaan gadhiifamuu qabu jedhan.

Haala Itiyoophiyaa gama kaabaa keessa jiru kan ilaaleen waahilonni keenya kan gargaarsa dhala namaa akka jedhanti jedhan bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti dahannaan, nyaata, bishaan akkasumas dawaalee fi eegumsii barbaachisaa dha Jedhanu.

Wal waansii bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti gaggeeffamu namoota hedduu Dasee, Kombolcha, Kamisee fi iddoo biraa nannoo Sanaa keessaa haaraa godaansisee jira jedhan.

Dabra Birhaan keessatti immo uummanni kuma dhibba hedduun manaa fi qe’e ofii irraa buqqa’anii kan galmeeffaman yoo ta’u, irra hedduun isaanii manneen barnootaa lama keessa daahatan kan jedhan Juriik, namoonni kuma dhibba hedduun Cifraa fi Adda’ar kan bulchiinsa naannoo Afaar keessaa buqqa’uu ibsanii irra hedduun namoota kanaas dubartootaa fi ijoollee ta’u ibsan.Akkuma beekamuu sababaa sodaa nageenyaaf jecha,jara kaba karaan itti dhaqqaban dhibee jira.

Dasee fi Kombolcha keessa tajaajiilli eleektrikaa fi teeleekomunikeeshiniin Onkolooleessa 30 kaasee kan cite yoo ta’u, bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti uummanni 915,000 gargaarsa nyaata argatanii kanneen kuma 160,000 ta’an immo, baatii Hagayya darbee kaasee bakka dahannaa fi mi’a kanneen biroo gargaarsaan argatanii jiru.

Gargaarsii dhala namaa tokkummaan mootummootaa qindeesse tokko iyyu erga Onkolooleessa 18 as, karaa samara - Abala - Maqalee hin dhaqqabne.Samara keessatti konkoolaataan fe’umsaa 364 darbuuf aangawoota biraa hanga ehama argataniitti jedhamee dhaabbatanii jiru jedhan.

Hanqiinni boba’aa fi maallaqaa michoonni keenya nyaata dabalatee gargaarsa geessuuf carraaqqii taasiisan akkaan miidhee jira kan jedhan Juriik, meeshaaleen wal’ansaa adda adaa fi talaalii guutummaa Tigraay keessaa dadhabamuun tajaajiila eegumsa fayyaa kennamuu irratti dhiibbaa jabaa geesisee jedhan.

Michoonni keenya kan gargaarsa dhala namaa achuuma Tigraay keessa kan turan yoo ta’u, kunis gargaarsa argamee raabsuuf akka ta’e ibsan.

Onkolooleessa 28 hanga Sdaasa 3tti Tigraay keessatti namoonni kuma 112,000 nyaata kan argatanyoo ta’u, kunis kanneen silaa giddu galeessaan torbanti gargaarsa argachuu qaban 870,000 sana irraa baayyee xiqqaa dha jedhan.

Guutummaa Biyyatti keessatti hojiin gargaarsa dhala namaa gaggeeffamuu qabu, haanqiina Doolaa Biliyoona 1.3 kan isa mudatee yoo ta’u, kunis Dolaara Miliyoona 350,000 Tigraayiif barbaachiisu dabalata.

Yaadawwan Ilaali (2)

XS
SM
MD
LG