Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Yeroo Dhuma Sirna Appaartaayidiii Du’aan Boqotan


Nelesen Maandeellaa waliin Noobeelii nagaa kan badhaafamanii fi prezidaantii bara Appaartaayidii dhumaa kan turan, sabxiqqaalee warra adii to’ataa kan turan F.W.de Klerk
Nelesen Maandeellaa waliin Noobeelii nagaa kan badhaafamanii fi prezidaantii bara Appaartaayidii dhumaa kan turan, sabxiqqaalee warra adii to’ataa kan turan F.W.de Klerk

Nelesen Maandeellaa waliin Noobeelii nagaa kan badhaafamanii fi prezidaantii bara Appaartaayidii dhumaa kan turan, kan xumura bara bittaa sabxiqqaalee warra adii to’ataa kan turan F.W.de Klerk umurii isaanii waggaa 85tti du’aan boqotan. Prezidaantichi duraanii kun magaalaa Kep Taawon naannoo Fersinaayee jedhamtu keessatti dhibee kaanseriin erga dhukkubsataa turanii booda du’aan boqochuu isaanii dhaabbate F.W.d Klerk mirkaneessee jira.

Guraandala 2, bara 1990 paarlaamaaf haasaa dhageessisaniin Nelson Maandeellaan hidhaa waggoota 27 booda akka gad dhiisaman kan labsan Klerk, labsiin isaanii kun biyya kurnawwaniif sirna loogii sanyiin liqimfamteef byyoota addunyaa hedduun uggurri irra kaa’amee ture gammachuu dhaan guute.

XS
SM
MD
LG