Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kampaniin Booyingii Maatiiwwan Balaa Xayyaara Isaan Namoonni Duraa Du’an Waliin Walii Galtee Seeraa Irra Ga’e


Namoota balaa xayyaaraa dhaqabee tureen kanneen du'aniif gadda ibsachaa jiran Ebla 18, 2012
Namoota balaa xayyaaraa dhaqabee tureen kanneen du'aniif gadda ibsachaa jiran Ebla 18, 2012

Kampaniin booyingii baatii sadaasaa bara 2011 lammiiwwan Itiyoopiya irra balaa xayyaaraa Max 737 irra ga’een kanneen lubbuu isaanii dhaban maatiiwwan namoota 157 waliin walii galtee seeraa irra ga’ee jira.

Akka walii galtee sanaatti, Booying xayyaarri sun to’annaa ala ta’ee badii kan dhaqqabsiiseef moosaajjii ykn software isaa hojjechuu dhabuu isaa amanee, xayyaara max-737 balaliif bobbaasuun amansiisaa hin turre jedhee jira.

Galmeen manneen murtii akka mul’isanitti, walii galteen sun miseensota maatiif hirpha maallaqaa kan of keessaa hin qabaanne ta’uu hanga roobii kaleessatti ibsamee jira. Garuu maatiiwwan namoonni duraa du’an dhimma isaa manneen murtii Yunaayitid Isteetisitti dhuunfaan akka dhiyeeffatan eeyamee jira

XS
SM
MD
LG