Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministriin Dhimma Alaa Yunyitid Isteetis Miinstrii Dhimma Alaa Itiyoophiyaa Waliin Mari’atan


Ministrii dhimma alaa Antonii Biliinken (suuraa faayilii)
Ministrii dhimma alaa Antonii Biliinken (suuraa faayilii)

Ministriin dhimma alaa Antonii Biliinken itti aanaa ministrii dhimma alaa Itiyoophiyaa Demmeqee Mekonnin waliin bilbilaan mari’atanii jiraachuu dubbi himaa kan ta’an Ned Price beeksisanii jiran.

Minisrichi Antonii Biliinken, itti aanaa muummee ministeeraa fi ministrii dhimma alaa Itiyoophiyaa waliin har’a marii geggeessaniin, walitti bu’iinsa Itiyoophiyaa keessa amma jiru ilaalchisee yaaddoo qaban ibsuu dhaan, nageenya fiduuf tarkaanfii qabatamaan fudhatamuun barbaachisaa akka ta’e cimsanii dubbataniiru.

Blinken, mootummaa Itiyoohiyaa dabalatee qaamotiin walitti bu’iinsa sana keessa jiran, haal duree tokko malee walwaraansa hatattamaan dhaabanii mariif akka gad taa’an irra deebi’uun waamicha dabarsaniiru.

Hawaasaalee Itiyooophiyaa rakkoo keessa jirani gargaaruuf, gara Itiyoophiyaa kaabaattis gargaarsi namomaa hatattamaa fi dhorkaa male ittiin ga’uun barbaachisaa ta’uu isaa illee cimsanii yaadachiisaniiru.

XS
SM
MD
LG