Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kamilaa Haariis Faransaayiin daawwachaa jiru


Prezidaanti Itti anntuun yunaayitid Isteets Kamilaa Haariis fi abbaa warraa isaanii Daag Emhoof, faransaayi, Sadaasa 9, 2021
Prezidaanti Itti anntuun yunaayitid Isteets Kamilaa Haariis fi abbaa warraa isaanii Daag Emhoof, faransaayi, Sadaasa 9, 2021

Prezidaanti Itti anntuun yunaayitid Isteets Kamilaa Haariis daawannaa guyyaa afuriitiif biyya Faransaay yemuu seenaan prezidaantiin Faransaay Emaanu’eel Makiroon masaraa mootummaa biyyatiitti simannaa taasisaniiruf.

Hoggantoonnii biyyotan lammanii waa’ee jijirama qileensaa, diinagdee, dhimma fayyaa adduunyaa fi walti hidhata daddarbiinsa omishaa irratti marii taasisu jedhameera.

Waltii dhufeenyii U.S fi Faransaay yeroo kamiinuu caalaa qileensii akka keesa seenu kan taasise , dhiheenyaa kana U.S., Biriteenii fi Awustiraaliyaan bidiruu Nukileerii baatee galaanaa jala deemuu waloodhaan hojachuudhaaf walgaltee biyyoottan sadan taasisaaniidhaa.

Awustiraaliyaan U.S fi Biriteenii waliin waligaltee keessaa seenuu isheetiin duratti, Faransaayii wajjin walii galtee uumte diiguun ishee faransaayiin akka aarse gabaasameera.

Haanga’aa gameessaa bulchiinsa mootummaa U.S kan ta’an kaleessa akka gabaastotatti himanitti, wal gahiin Faransaayi fi U.S barbaachisaadha. Sababini isaas, walti dhufeenyi biyyoottan lamanii walitti dhufeenyaa adduunyaati. Faransaayiif froottaan U.S wareen Awurooppaa egeree U.S fi barbaachisoodha.

Kaamilaa Haaris daawwanaa abbaa warraa isaanii waliin taasisaa jiran kanan bakka sayintistoonni U.S fi Faransaay Kooviid 19 irraatti qorannoo taasisan Paaster Inistiitiyuut akka daawwatan gabaasameera.

Guyyaa borii U.S keessatii isa kabajamee oolu guyyaa Gadamoojjii waraanaa sababeeffachuudhaan Emanu’eel Makiroon fi Kamilaa Haariis bakkaa awwaala Amerikaanotaa isa magaalaa paarisii alaatti argamu akka daawwatan ibsameera.

XS
SM
MD
LG