Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidhatoonni ABUT Gudeeddaa dirqii akka raawwatan Aministii Internaashinaal gabaase


Faatumaa Huseen, dubartii umuriin oggaa 65, maatii wajjin magaala Dasee bakka namoonnisababa waraanaatiin buqahan yeroof keessa jiraatan keessatti, Onkoloolessa 8, 2021
Faatumaa Huseen, dubartii umuriin oggaa 65, maatii wajjin magaala Dasee bakka namoonnisababa waraanaatiin buqahan yeroof keessa jiraatan keessatti, Onkoloolessa 8, 2021

Hidhattoonni Addi bilisumaa ummata Tigraay naannoo Amaaraa keessaatti dubartootaa dirqiidhaan gudeeduu isaani dhaabanni addunyaa mirgaa namaatif falmu Aministii Internaashinaal beekisiseera.

Aministii internaashinaal dubartootaa 16 haasofsiisuu isaa ibsee, hidhatoonni HIWEHAT gurmuun gudeeddii, saamichaa, arabsoodhaaf qaamaan midhaa geesisuu isaanii ibseera.

Addi Bilisummaa Ummata Tigraay Hagayya 12/2014 naannoo bulchiinsa Amaaraa keessaatti bakka argamu Nefaas Mewucaa Yemuu qabate, buufataalee fayyaa adda addaa barbadeesuu isaaf bakka tokko tokko ti haadholii ijoollee isaan fuulduratti gudeedu isaanii gabaasin Aministti kun ibseera.

Haanga’oonni mootummaa federaala fi kan mootummaa naannoo dubartoonni 71 amma 73 ta’an gudeedamuu isaanii gabaasini Aministti ibsee, hoggantoonni hidhatootaa HIWEHAT qorannoo taasisuudhaan wareen dhimmaa kan irratti hirmaatan akka adabuuf akka haryatu gaafateera.

Gabaastuun Sagalee Amerikaa Asteer Misgaanaawu dhimma kana irratti kan haasofsiiste jiraattuun Nifaas Mewucaa , wareen hokkoraa sana raawwachaa turan boombii, aalbee fi qawwee hidhatanii akka turaaniif yoo mormite akka miila ishee irraa kutan itti dhaadachuudhaa fi sodaachisuun isaanii gaabaasuun ishee ni yaadatama.

Dhugabahiinsi nu warren dandamatan irraa dhageenyee fi wantii leeyyaasisaan loltootaa HIWEHATn raawatame yakka waraanaa fi yakkaa dhala namoomaa irratti raawwatamee ta’uu akka danda’u bareessaan muummee Aministi Internaashinaal Agnes Callamad ibsuun isaanii gabasameeraa.

Dubbii himaan Adda Bilisumaa Ummata Tigraay Getachoo Raddaa ittu gabaasinii kun iffa hinta’in dursanii qibxata kaleesaa yaadai karaa Tiwuuteriin kennaniin, gochichaa aluu fi gabaasichaa qeequu isaanii gabasi kun ibseeraa.

Kun ittuu kanaan jiruu,poolisiin Feederaalaa fi ministeeraa haqaa ti kutaan abbaa alaangaa tiiban ibsa waloodhaan kennaniin naannoo Amaaraa ti bakkeewwan loltoonni HIWEHAT qabatanii turan keessatti namoota 482 ajeefamuu isaanii, dubartoota 109 irraatti gudeeddiin dirqii raawwatamuu isaa fi namoottan 165 midhaan qaamaa akka irratii raawwatamee himaniiru.

Deetaan ministeeraa haqaa obbo Fiqaaduu Tsaggaa yakki kun kan raawwatame bakkeewaan ABUTn qabamani umnoottan mootumaatiin gad lakkisamani keessa ti raawwatamuu isaa dubbachuun isaanii gabaasameera.

XS
SM
MD
LG