Xurree ittiin seenan

Breaking News

Polaandii fi Beelaruus Wal Balaaleeffataa Jiru


Godaantoota dangaa Beelaaurs fi Polaandi bira gahan keessaa, Sadaasa 9, 2021

Polaand fi Beelaauus Kibxata har’a wal himataa kan jiran yoo ta’u kunis gareen godaantootaa daangaa biyyoota lamaan gidduu irraa gama Beelaaruus keessatti eega hafanii booda.

Polaand akka jettuutti godaantoonnii irra hedduun isaanii giddu galeessa bahaa irraa ta’an kun biyya miseensa gamtaa Awuroopaa taatee Polaanditti dhiibamaa kan jiran yoo ta’u kanas kan godhu mootummaa Beelaaruus kan prezidaant Aleeksaandar Lukasheenkoo ti jetti.

Mummichi ministeeraa Polaand Twitarii irratti akka barreessanti, daangaa cufuun fedhii Polaand yoo ta’u, tarkaanfi Beelaaruus fudhataa jirtu kun, nagaa fi nageenyaa gamtaa Awuroopaa danqaa keessa buusa jedhan.

Beelaaruus himata kana haaluun, ministriin ittisaa kan ishee har’a ibsa baaseen, himanni kun buuura fi hiika hin qabnee jedhee jira.

Wiixata kaleessaa haallii daangaa biyyoota lameenii irra ture muddamsa kan qabu yoo ta’u har’a garu tasgabiin bu’u polisiin polaand beeksisee jira.

Yaadawwan Ilaali

XS
SM
MD
LG