Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tunisiyaa Keessatti Hiriirtonni  Buufata Polisii Guban


Gaaza polisii biraa darbatameen namnii tokko eega du’tuu gabaafame. (suuraa faayilii)

Tunisiyaa gama kibbaa magaala Agareeb jedhamtu keessaa keessatti aangawoonni biyyatti lafa jiru deebisani banuuf eega murteessanii booda, mormiittonni muufatan immo buufata polisii magaalatitti Abidda ITTI qabsisuu isaanii kanneen ijaan argan dubbatanii jiru.

Gaaza polisii biraa darbatameen namnii tokko eega du’ee booda mormiin kan daran jabaatee ta’u maatii fi kannen ijaan argan dubbatanii jiru.

Ministeerri haajaa biyya keessaa akka jedheetti, namnii du’e kun hiriirtoota keessa kan hin jirree fi mana isaa isa faeenya kiloo meetra 16 irra jiru keessatti du’e.

Polisiin hiriirtoota daandilee cufanii fi dhagaa darbataa turan bittinneesuuf Gaaza himiimaansuu eega gargaaramee booda waldura dhaabannaan hokkaraan guutamee uumamee.

XS
SM
MD
LG