Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaaytid Isteetes fi Masriin Dhimma Sudaan Irratti Dubbatan


Ministriin dantaa alaa Amerikaa Antonii Bliinkan fi giti isaanii kan Masrii Saameh Shukrii marii tarsimoo qabeessa ta’e  biyyoota lamaan giddutti jalqaban, Sadaasa 8, 2021
Ministriin dantaa alaa Amerikaa Antonii Bliinkan fi giti isaanii kan Masrii Saameh Shukrii marii tarsimoo qabeessa ta’e  biyyoota lamaan giddutti jalqaban, Sadaasa 8, 2021

Yunaaytid Isteetes fi Masriin ce’uumsa deemookraatawaa kan sudaan iddotti deebisuuf fedhii kan qaban ta’u ministriin dantaa alaa Amerikaa Antonii Bliinkan ibsanii jiru.Kunis Dhuma baatii onkoolooleessa keessa waraanni Sudaan aangoo eega qabatee booda ta’uun ibsamee jira.

Wiixata kaleessaa Bliinkan fi giti isaanii kan Masrii Saameh Shukrii marii tarsimoo qabeessa ta’e biyyoota lamaan giddutti jalqabanii jiru.

Waraannii sudan onkolooleessa 25 jalqabee aangoo qabachuun biyyatti haala hamaan tasgabii dhabsiisee kan jedhan Bliinkan, mootummaa ce’umsaa sivilootaan hogganamuu iddotti deebisuu qofatu fedhii lammiwwan sudaan kanneen hamilee jabaan hiriiranii Deemookraasii gaafata jiran Sanaa guuta jedhan.

Biyyoota olla sudaan keessaa tokko kan taate Masriin, ibsa dhiyeenya kana Yunaaytid Isteetes, Yunaaytid Kingdam, saawudii Arabiyaa fi biyyonni Emeereetoota Arabaa walii wajjiin baasan keessa hin turre.

Ibsii biyyonni kun walii wajjiin baasan kun, sudaan keessatti mootummaan ce’umsaa sivilootaan hogganamuu fi dhaabbattonni battalumatti iddotti akka deebi’an kan gaafatuu ture.

Kana malees erga fonqoolchi mootummaa gaggeeffamee booda kanneen hidhaman hundi akka gadhiifaman akkasumas labsiin yeroo muddamaa Sudaan keessatti hojii irra oolee akka kaafamuu ibsii ba’e gaafatee ture.

XS
SM
MD
LG