Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawaan Tokkummaa Mootummootaa Turtii Isaanii Itiyoophiyaa Keessaa Xumuranii Jiru


Tokkummaa Mootummootaatti itti aanaa itti gaafatamaan waa’ee gargaarsa dhala namaa fi qindeessaa gargaarsa hatattamaa kan ta’an Maartiin Griifiz (Suuraa faayilii)
Tokkummaa Mootummootaatti itti aanaa itti gaafatamaan waa’ee gargaarsa dhala namaa fi qindeessaa gargaarsa hatattamaa kan ta’an Maartiin Griifiz (Suuraa faayilii)

Tokkummaa Mootummootaatti itti aanaa itti gaafatamaan waa’ee gargaarsa dhala namaa fi qindeessaa gargaarsa hatattamaa kan ta’an Maartiin Griifiz daw’annaa Itiyoophiyaa keessati guyyaa Afuriif gaggeessan kaleessa xumuranii jiru.

Mummicha ministeeraa Abiyyi Ahmad itti anaa isaanii fi minsteera dantaa alaa kan ta’an Dammaqaa Makonnan waliin haala gargaarsa dhala namaa biyyatti keessaa fi jaarmayoonni gargaarsaa lammiwwan Itiyoophiyaa kanneen gargaarsii isaan barbaachisuun waliin ga’uuf rakkoo isaan mudatee irratti dubbatanii jiru.

Kana malees Griifiz Oluusheeguun Obosaanjoo wajjiin wal arganii yaalii isaan taasisaniif deggersa qaban ibsuun, jaarmayoota kan mootummaa hin ta’iin , dhaabattoota Tokkummaa Mootummootaa, arjoomtootaa waliin haala lammiwwan biyyatti miliyoona heeddu kannen Itiyoophiyaa keessaaf gargaarsa dhaqqabsisuuf yaalii ta’e irratti dubbatanii jiru.

Griifiz Maqalee keessatti daawwannaa guyyaa tokkoof gaggeessaniin michoota gargaarsa dhala namaa fi aangawoota waliin karaan gargaarsii dhaqqabuu banaa ta’u akka qabu, naannoo to’atanii jiran hundumaa keessatti sivilootaaf eegumsii godhamuu akka qabu akkasumas qajeelfamnii gargaarsa dhala namaa kabajamuu akka qabu hubachiisan.

Dubartoota walitti bu’iinsa gaggeeffameen miidhaman kanneen hokkara saalaa irraa hafanii deggersa dhaabbattoota Tokkummaa Mootummootaa biraa argataa jiran arganii jiru.

Angawoonni gameeyyiin kan tokkummaa mootummootaa kannen biroon bulchiinsa naannoo Amaaraa daawwatanii Baahir Daar keessatti prezidaantii naannoo Sanaa waliin karaa gargaarsii haala foyya’een akka seenuu gochuu fi kanneen gargaarsa barbaadan dhaqqabuu kan ilaaleen, marii ijaaraa ta’e gaggeessuun isaanii ibsamee jira.

XS
SM
MD
LG