Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti bu’iinsa Itiyoophiyaa gama kaabaaf furmaata siyaasaa arguuf carraan jiru dhumataa waan jiru fakkaata


Walitti bu’iinsa Itiyoophiyaa gama kaabaaf furmaata siyaasaa arguuf carraan jiru dhumataa waan jiru fakkaata
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:36 0:00

Gaanfa Afrikaatti Jiila gamataa Afrikaa kan ta’an prezidaantiin Naayjeeriyaa Duraanii Olusegun Obasaanjoo erga muummee ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimad fi Ogganaa Adda Bilisummaa Ummata Tigraay wajjin marii taasisanii booda, wixata kaleessaa yaadaa mana maree nageenyaa Mootumoota gamtoomaniitti dhiheesaniin foddaan caraa rakkina Kaaba Itiyoophiyaa keessa jiru karaa marii siyaasatiin furuu danda’mu cufamaa akka jiru ibsaniiru.

Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti ambaasaddarri Itiyoophiyaa Taayyee Atsiqesilaasee biyoottan tokko tokko fi midiyaaleen biyyoottan karaa lixaa Adda Bilisummaa Tigraay jajjabeesu jechuudhaan komii Dhiheesaniiru.

Itti gafatamaan dhimmaa gargaarsaa Mootummoota gamtoomanii Maartiin Giriift jimaata dheengaddaa finfinee keessaatii Muummee ministeeraa Abiy Ahmed fi haanga’otaa mootummaa biroon wajjin, akkasumas Maqalee dhaquudhaanis akkaata gargaarsa namoomaa irrati qaamoolee dhimichii ilaallatuu wajjin marii taasisaniiru.

Kamisaa darbee jalqabee Itiyoophiyaa kan seenan Jiil U.S kan gaanfa Afrikaa Jefirii Feltimaan amma yuu akka Itiyoophiyaa keessa jiran dubbi himaan ministeera dhimma alaa U.S Niid Praayis himuu isaanii gabaasinii har’a bahe ibseera.

XS
SM
MD
LG