Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliyaan Ehama  Balaliisuu Kennuu Jalqabde


Magaala Moqaadhisho (Suuraa faayilii)

Waggoota 30 keeessatti yeroo duraaf abbaan aangoo geejibaa fi aviyeeshinii Somaaliyaa kaampaanii balalii biyyattiif ehama balaliisuu kennee jira.

Sirna Robii darbee gaggeeffame kana irratti mummichi ministeera Biyyatti Mohammed Robalee keessummaa kabajaa ta’uun kan argaman yoo ta’u, kunis waajiira haadhoo kaampaanchaa isa dirree xayyaaraa Moqadishoo keessaatti gaggeeffame.

Balaliin xayyaaraa Somaaliyaa keessa maadheeffate deebi’ee hojii kana jalqabuu isaa akkasumas, waraqaa ragaa ykn ehama kana arguu koof nan gammadee jedhan Robaleen.

Kana malees, Balalistonni Somaaliyaa fi daaandii balalii biyyatti hojjatanii ehama aragchuu isaa dinqiisiifatanii, an akka nama tokkotti isiin waliin balalii’uuf hedduun boona jedhan,

Yaadawwan Ilaali (1)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG