Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawoonni Amerikaa fi Chaayinaa Muddamsa Jiru keessatti Dubbachuuf Jiru


Suuraa walbira kaahame: Pirezdaantii Yunaaytid Isteets Joo Baayden fi Pirezdaantii Chaayinaa Xii Jinping (suuraa faayilii)
Suuraa walbira kaahame: Pirezdaantii Yunaaytid Isteets Joo Baayden fi Pirezdaantii Chaayinaa Xii Jinping (suuraa faayilii)

Prezidaantiin Yunaaytid Isteets Joo Baaydiin fi hogganaan chaayinaa Jinpiing hogganoota galaana paasifiikiif jimaata har’a haasawa dhageesisuu jedhamee eegama.

Kunis muddamsii gama daldala, teessuma lafaa fi siyaasaa kutaa sanatti hammaataa yeroo jirutti jedhamee jira.

Chaayinaan walgahii walta’iinsa dinagdee biyyoota Eeshiyaa fi Paasifiik kan miseensoota 21 qabu torban kana kan qindeesiitu yoo ta’u, hogganaan ishee dhaamsa vidiyoon waraabameen kamiisa kaleessaa dhiyaateen kutaan sun muddamsa bara loola qabanaawaatti deebi’uu hin qabu jedhan.

Jechii isaanii kun, Yunaaytid Isteetes fi biyyonni waltaatoota ishee ta’an kan kutaa Sanaa akkaataa itti dinagdee fi gama waraanaan jabaataa dhufuu Chaayinaa itti ilaalan irratti qiyyaafate jedhu.

Prezidaaniin Amerikaa Baaydiin dubbachuuf akka jiran ibsii waayit Hawuus irraa ba’e mirkaneessee jira.Kana malees waa’ee dhukkuuba KOOVIID-19 fi dinagdee addunyaa bayyanachiisuu irrattis Baaydiin dubbachuuf jiru jedhameera.

XS
SM
MD
LG