Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Amaaraa Keessa Buqqaatonni Jiran Deggersa Ga’aa Argataa Hin Jirru Jedhu


Faayilii - Magaala Dasee
Faayilii - Magaala Dasee

Walloo kaabaa naannoolee adda addaatii sababaa lola jiruun qe’ee irraa buqa’anii magaalaa Hayiq kanneen jiran qaamni hawaasaa, nyaataa fi waan jiraachuuf barbaadan mootummaa biraa waan hin dhiyaatiniif rakkoof saaxilamuu dubbatu.

Bulchiinsi magaalaa Hayiq gama isaan buqqaatonni hedduun magaalattii seenuu amanee, buqqaatota kana deggersa fooya’aa gara itti argatan Dasee fi Kombolchatti geessuuf hojjetamaa jira jedhe.

Aadde Zaaraa Mudhee dhiya Wallaggaatti rakkoo nageenyaa uumameen buqqa’anii gara godina kaaba Walloo magaalaa Marsaa dhufuu dhaan qubsuma keessa jiraachuu erga jalqabanii baatilee lakkoofsiseera jedhan.

TPLF haleellaa waraanaa magaalattii irratti fudhateen naannoo sana gad dhiisanii yeroo lammataaf qe’ee irraa buqqa’uu isaanii kan ibsan aadde Zaaraan, abbaa waraa fi ijoollee isaanii afur waliin haala rakkisaa keessa km 30 miillaan akka deeman illee tuqaniiru.

Dhiya Wallaqqaa irraa buqa’anii buufata Marsaa keessa kan jiranii fi yeroo lammataaf qe’ee irraa buqa’anii mgaalaa Hayiqitti kan argamu mana barnootaa sadarkaa lammataa Lagoo Hayiq jedhamu keessa qubatanii akka jiran kan dubbatan obbo Indiris Mahaammud gama isaaniin, waraansa sana jalaa utuu dheessanii haadha waraaa fi ijoollee koo lamattii adda ba’ee hanga yoonaa eessa akka jiran hin beeku jedhan.

Akkuma kanaan Waldiyaa irraa fageenya km 23 irratti kan argamtu magaalaa Haraa irraa buqqa’anii mana barnootaa Lagoo Hayiq keessa qubatanii kan jiran abbaan tokko, TPLF magaalaa erga seenee booda namoonni nagaa hedduun du’uu dubbatu. Ennaa dheessaa jiranitti ijoolleen isaanii lamaa fi haati warraa isaanii eessa akka bu’an hin beeku jedhaniiru.

Magaalaan Hayiq haala amma irra jiruun, buqqaatota kana keessummeessee jiraachisuuf dandeettii hin qabu kan jedhan kantiibaan magaalattii, buqqaatota kana gara Dasee fi qubsuma kombolchaatti geessuuf sochiin jalqabamuu isaaf koreen buqqaatotaas akka beekan taasisameera jedhan jechuun Mesfin Araagee gabaaseera.

XS
SM
MD
LG