Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaaleen Naannoo Somaalee Deggersa Waraana Itiyoopiyaaf Hiriira Geggeessan


Faayilii - Magaala Jigjigaa
Faayilii - Magaala Jigjigaa

Magaalaalee kudhan kanneen naannoo Somaalee keessa jiran raayyaa ittisa biyyaa deggeruun hiriira ba’anii jiran. Magaalaa Jigjigaa keessatti hiriira geggeessame irratti argamuun haasaa kan dhageessian itti aanaa prezidaantii naannoo Somaalee Musxefee Mehammed, TPLF lola kan baneef haleellaan irratti waan raawwateef utuu hin ta’in, waggoota 40f biyyattii diiguuf kan inni shiraa ture waan duraa fashaleef jedhan.

Xumura torban darbee magaalaalee naannoo somaaliyaa guruddoo keessatti rayyaa ittisaa deggeruuf hiriirri geggeessame kun Jigjigaa, Qebriidehaar, Godee, Degehaabur, Waarder, Hargellee, Filtuu, Qabriibayaahi, Fiiq, Leey fi EleWeynee keessatti ture.

Jijigigaa keessaa uummanni kuma 10tti laka’amu hiriira deggersaa kana irrati kan argame yoo ta’u, itti aanaa prezidaantii kan ta’an Musxefee Mehammed hiriirtota kanaaf haasaa dhageessisaniiru.

Dipilpmaasummaa alaa irraa deggersa argata kan ittiin jedhan TPLF, ajendaa isaa biyya diiguu garuu guutummaa biyyattii keessatti kan jibbame itti milkaa’uu hin danda’u jedhan. Obbo Musxefeen itti dabaluu dhaan naannoon Somaalee haleellaa adda addaa kan TPLF raawwateef adda durummaan kan miidhame ta’uu ibsanii, naannichi TPLFtti duuluuf raayyaa ittisa biyyaa cina ni dhaabata jedhan.

TPLF naannoo Somaalee keessa kanneen jiraatan lammiiwwan Somaalee hin ta’in walitti buusuuf yaalii gochaa waan jiruuf of eeggadhaa jedhan. Paartilee naannoo sanaaf kanneen hawaasa dadammaqsani hangi tokko jibbiinsa gosaa labsaa jiru jechuun illee akeekkachiisaniiru jechuun Addis Chekol gabaaseera.

XS
SM
MD
LG