Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kan Mootummaan Shorokeessummaan Ramade TPLF Wal Ta’iinsa WBO Waliin Tolfate Irratti Ibsa Kennee fi Deebii Mootummaa Itiyoopiyaa


Faayilii - Namoota konkolaattota gubatan bira darbanii gabaa deeman, naannoo magaala Yechilaa, Tigraay, Adiilessa 10, 2021.
Faayilii - Namoota konkolaattota gubatan bira darbanii gabaa deeman, naannoo magaala Yechilaa, Tigraay, Adiilessa 10, 2021.

Kan Addi Bilisummaa Uummata Tigray (ABUT) ‘Humna Ittisaa Tigiraay’ jedhee waamuu fi mootummaan federaalaa immoo ‘qaama gurmuu shororkeessaa’ ittiin jedhu waraana bilisummaa Oromoo waliin hojjechuuf walii galtee irra kan ga’e,humna uummataa fi biyya bowwaatti darbaa jirutti duuluuf jechuu dhaan mootummaan naannoo Tigraay ibsa baaseen beeksisee jira. Ibsi sun uummata Affaar irra miidhaa ga’e jedhame qaama walabaa waaltaa sadarkaa addunyaan akka qoratamu gaafate jechuun Mulugeta Atsbeha Meqelee irraa gabaaseera.

Kan Mootummaan Shorokeessummaan Ramade TPLF Wal Ta’iinsa WBO Waliin Tolfate Irratti Ibsa Kennee fi Deebii Mootummaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:26 0:00

Ibisi maqaa mootummaa Tigraayiin ba’e kun humnoonni naannoo sanaa waraana bilisummaa Oromoo waliin ta’uun qabsaa’uuf walii galuu isaanii mul’inatti ibseera. Ibsi sun itti fufee biyyaa fi uummata gara bowwaatti oofaa kan jiru humna badiisaa garee Abiy Ahimed jechuun kan waame mootummaa federaalaatti duuluuf akka ta’e ibsee jira.

Walii galteen kunis adeemsa biyyattii itti aanu kan milkaa’e taasisuuf akkasumas kanneen biro waliin wal ta’uuf malee saba isa kam irratti iyyuu kan qiyyaafate miti jedha ibsichi. Saboonni kanneen biroonis walii galtee kana akka deggeran gaafateera. TPLF fi kan mootummaan Shanee jedhee waamu WABOn paarlaamaa dhaan shororkeessota jedhamanii ramadamuun ni yaadatama.

Waajjirri muummicha ministeeraa dhimma kana ilaalchisuun kaleessa ibsi kennee jira. Prezidaantiin naannoo Oromiyaa Shimellis Abdiisaas uummati Oromoo TPLFn akka deggeru dadammaqiinsi godhamuun madaa kaleessaa irraanfachuu dha jedhan.

XS
SM
MD
LG