Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ogeessi Seeraa Abduljabbaar Huseen Ka Du’an Rukkutamanii ti, Jedha Maatiin


Ogeessaa seeraa fi abukaatoo ta’uun yeroo dheeraaf kan tajaajilaa Obbo Abduljabbar Huseen boqatan.(Suuraa fuula Feesbuukii Abduljabbar irraa fudhatame)
Ogeessaa seeraa fi abukaatoo ta’uun yeroo dheeraaf kan tajaajilaa Obbo Abduljabbar Huseen boqatan.(Suuraa fuula Feesbuukii Abduljabbar irraa fudhatame)

Ogeessa seeraa fi abukaatoo Abduljabbaar Huseen kan du’an rukutamanii ti jechuudhaan obboleessi isaanii obbo Sulxaan Huseen dubbatan. Waajjirri nageenya magaalaa ka bulchiinsa Adaamaa gama isaatiin qorannaa geggeessameen reefka obbo Abdulajjabaar irratti dhiigis ta’e madaan argame akka hin jirre hospitaalli Adaamaa mirkaneessee jira, jedha. Hospitaala Minilik biraa ba’iin qorannaa ammayyuu akka hin dhaqqabin ibsee jira.

Michuu obbo Abduljabbaar kan ta’anii fi Hospitaala Adamaa keessaa Ispecialist dhibee keessoo hordofaa kan jiran akka dubbatanitti, qaama obbo Abduljabbaarii fi naannoo hidhii isaaniitti madaa fi dhiigatu argamee ture jedhan.

Ogeessi Seeraa Abduljabbaar Huseen Ka Du’an Rukkutamanii ti, Jedha Maatiin
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:45 0:00


XS
SM
MD
LG