Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hojjettoonni Tokkummaa Mootummootaa Seera Itiyoophiyaa Waan Cabsaniif Hidhaman: Dubbi Himaa Ministrii Dhimma Alaa


 Dubbi Himaa Ministrii Dhimma Alaa, Ambaasaddar Diinaa Muftii
Dubbi Himaa Ministrii Dhimma Alaa, Ambaasaddar Diinaa Muftii

Hojjettoonni tokkummaa mootumootaa kan hidhaman, seera Itiyoophiyaa waan cabsaniif ta’uu miinistriin dhimma alaa dubbatan. Tokkummaan mootummootaas gama isaan hojjettoota isaa hiiksisuuf yaalii gochuu isaa ibse.

Hojjettoonni Tokkummaa Mootummootaa Seera Itiyoophiyaa Waan Cabsaniif Hidhaman: Dubbi Himaa Ministrii Dhimma Alaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:37 0:00

Mootummaan Itiyooophiyaa yeroo mara nagaaf kan dhaabatu ta’us, ol aantummaa biyyaa gareelee balaaf saaxilan waliin garuu mariif gad taa’uun akka hin danda’amne dubbi himaan kun tuqaniiru.

Torobee haala Itiyooophiyaa keessatti mudate keessaa, hojjettoonni dhabbata tokkummaa mootummootaa humnootii naga eegumsa biyyattiin hidhamuu isaanii ti. Kana ilaalchisuu dhaan dubbi himaan ministrii dhimma alaa ambaasaadder Diinaa Muftii gocha kana utuu hin haaliin, seera biyyattii cabsan jedhamuun shakkamanii hidhamuu isaaii kaleessa tuuta oduuf ibsa kennanii jiru.

Akka dubbi himaan kun jedhanitti yeroo ammaa biyyattii keessatti haala yeroo labsiin muddamaatub jira. Itiyoophiyaa keessa kan jiraatu hojjetaan dhaaba tokkummaa mootummootaa seera Itiyoophiyaa hordofee hojii isaa hojjechuu qaba jedhanii, ambaasaadder Diinaa Muftii sababaa namoonni kun hidhamaniifis ibsaniiru.

Seera Itiyoophiyaa cabsuu dhaan, haalawwan labsii yeroo muddamaa waliin wal qabtan irra darbuu dhaan, akeekii labsii yeroo muddamaa immoo ol aantummaa, tokkummaa fi walabummaa Itiyoophiyaa kabachiisuu dha. Namni kana cabse ni gaafatama. Kun hojjetaa tokkummaa mootummootaa haa ta’u, hojjetaa mootummaa haa ta’u, hojjetaa Finfinnee kan federaalaa haa ta’u, gosa kana amantii sana dheeraa gabaabaa fi saalaan adda hin baasu jedhan.

XS
SM
MD
LG