Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wal waraansi Itiyoophiyaa Keessaa Sabatiinsa Naannoo Balaa Irra Buusa Sodaa Jedhu


Faayilii - Loltuu Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay, Hawizeen, Caamsaa 7, 2021
Faayilii - Loltuu Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay, Hawizeen, Caamsaa 7, 2021

Kanneen kumaan laka’aman du’anii, miliyoona lama kan ta’an qe’ee irraa baqatanii akkasumas gareen finciltootaa gara Magaalaa Finfinneetti sosso’aa jiru sodaa jedhuun, ennaa jiloonni walitti bu’iinsa waggaa tokkoof ture dhaabsisuuf tattaafataa jiranitti, wal waraansi Itiyoophiyaa keessaa kan sabatiinsa naannoo laaffataa ta’e gaanfa Afriikaa balaa irra buusee yaaddoo ejdhu dhaqqabsiisee jira.

Ministriin dhimma alaa yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken yaaddoo qaamota hedduu ta’e irra deebi’uu dhaan, walii galtee irra ga’uu dhabuun jeequmsi Itiyoophiya akeessaa gara biyyootii ka birootti darbuu mala yaaddoo jedhu qabaahuu isaanii ibsanii jiru.

Sun immoo jedhan kan torban kana kan rakkoo baqattummaa sababaa wal waraansaan rakkataa jirtu Keeniyaa daawwatuuf jiran Bilinken, uummata Itiyoophiyaa akkasumas biyyoota naannoof balaa dha jedhan.

Lammiiwwan Itiyoophiyaa kurna kumaan laka’aman duruu gara Sudaanitti baqatanii jiran, kun immoo hariiroo biyyoota lamaanii duruu laaffate hammeessee jira. Hariiroon biyyoota lamaanii baatii Hagayyaa keessa ennaa Kaartuum ambaasaaddera ishee Itiyoophiyaa erga mootummaan Abiy walitti bu’iinsa sana furuuf yaada dhiyaate fudhatuu dhabee booda biyyatti deebiste.

Hariiroon Itiyoophiyaan Keeniyaa waliin qabdu aadaa dhumaan gaarii ta’us, sodaan baqattoonni gamasitti yaa’uu malu jedhu Naayiroobii yaaddessee jira. Keeniyaan baatii kana daangaa ishee Itiyoophiyaa waliin jiru irratti naga eegumsa cimsitee jirti. Jiraattonnis koolu galtoonni hin galmeeffamne yoo argaman akka gabaasan itti himamee jira.

Keeniyaan gama kaabaa mooraa baqataa lama kan baqttoonni 400,000 keessa jiran guddicha kessummeessa.

Przidaant Uhuruu Keeniyaattaa tattaaffii jaarsummaa naannoo keessatti itti dhiyeenyaan kan hirmaatan yoo ta’u, dilbata kaleessaa akka tasaa Itiyophiyaa daawwatanii, wal waraansi deemaa jiru rakkoo biyya keessaa hamaa dha jechuu dhaan kanneen hidhatan akka hiikkatan gaafataniiru.

Kana immoo eenyu iyyuu isaaniif gochuu hin danda’u, jiddu seeninsii fi waamichi inni kamuu yoo isaan rakkoo kana dhaabsisuuf fedhee siyaasaa qabaatan malee hin gargaaru jedhan Keeniyaattaan jalqaba baatii kanaa ibsa kennaniin.

Haa ta’u malee jaarmoliin naga eegumsaa biyyattii akka to’atan ennaa gumii nageenya biyyoolessaa torban darbe geggeessame waajjira isaanii irraa ibsa kennanii jiran.

XS
SM
MD
LG