Xurree ittiin seenan

Breaking News

Fiigichaa qaxxaamura biyyaatiin Lammiileen Eeritiraa Moo’ataniiru


Fiigichaa qaxxaamura biyyaatiin Lammiileen Eeritiraa Moo’ataniiru
Fiigichaa qaxxaamura biyyaatiin Lammiileen Eeritiraa Moo’ataniiru

Dorgommii Fiigichaa Feedereshiniin Atileetikisii Addunyaa kopheesuu keessaa tokko kan ta’e Fiigichii qaxxaamura biyyaa ykn 'Cross Country' jedhamee inni beekamu Marsaa 17ffaan Dilbata kaleessaa biyya Ispeen Bakka Atapuerca jedhamutti taasifameera.

Seenaa fiigichaa qaxxaamura biyyaa kana irratti kan dhiheenyatii waliin morkataa fi Moo’ichaa wal harkaa fuudhaa turan Atileetota Itiyoophiyaa fi keeniyaa tura.

Fiigicha kaleessaa irratti garuu biyyoottan lammaniifuu hin taane. Dhiraanis durbaanis atileetota lammii Eeritraa tu moo’e.

Dorgommii dhiiratiin atileetiin Ertiraa dargaggeesii waggaa 23 Aron Kiflee , fiigichaa meetrii 9000 daqiiqaa 25:33n xumuruudhaan 1ffaa bahe. Dhalataa Burundii kan ta’ee biyaa Ispeen jiraatu Rodrigue Kwizeera daqiiqaa 25:34n lamfaa yemuu bahu Joo’el Ayeko Yugaandaa irraa 3ffaa baheera.

Lammiin Itiyoophiyaa Abebe Ayyaana 7faa ta’ee xumureera.

Dubartootaan shamarreen waggaa 20 kan lammii Eertiraa Raheel Daani’eel Gebreyohaanis daqiiqaa 25: 03n 1ffaa baatee yemmuu mootu, 2ffaa kaasee ammaa 5ffaa kan bahan atileetota lammiilee keeniyaa ti.

Raaheel Atileetota keeniyaa beekamoo ta’an bira darbuudhaan hin moo’atti jedhametee hin yaadamne jedhan gabaastoti.

Beatrice Chebet fi Maargareet Chelimo daqiiqaa 25:04 walqixaa xumuraniiru.

Atileetiin lammiilee Itiyoophiyaa Meskerem Maammo 7ffaa, Tigist Geetinet 9ffaa, Zerfee Waondimaagenyewu 10ffaa bahuun isaanii gabaasameera.

XS
SM
MD
LG