Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ilmi Hoogganaa Liibiyaa Duraanii Al Islaam Prezidaantummaaf Dorogumuufi


Faayilii - Ilma hoogganaa Liibiyaa duraanii kan Mohaammad Gaadaafii, Sadaasa 14, 2021.
Faayilii - Ilma hoogganaa Liibiyaa duraanii kan Mohaammad Gaadaafii, Sadaasa 14, 2021.

Kurna tokko booda ilmi hoogganaa Liibiyaa duraanii kan Mohaammad Gaadaafii erga abbaan isaanii aangoo irraa fonqolchamanii qabee waggootaaf jeeqama ture tasgabbeessuu gargaara jedhamee kan karoorsame filannoo prezidaantummaa baatii Muddee keessa geggeessamuuf kaadhimamaa ta’anii galmaa’uuf dilbata kaleessaa yeroo jalqabaaf achii as ba’anii jiran. .

Kan umuriin waggaa 49, Saif al-Islam al-Gadhafi, huccuu aadaa kan bifa bunaa fi marata mataa irratti maratanii, areeda harii qabuu fi ija isaaniitti manatsirii kaayyachuu dhaan waaltaa filannoo kan magaalaa Sebhaa gama kibbaatti galmee irratti utuu mallatteessnii viidiyoo komiishina filannoon waraabame irratti mul’atanii jiru.

Ilmi Gaadaafii namoota beekamoo fi falmisiisoo prezidaantummaaf dorgoman keessaa tokko. Kanneen dorgoman keessaa ajajaa waraanaa gama bahaa Kaliifaa Haftaar, muummicha ministeeraa Abdulhamiid al-Dibeeyibaah fi afaan yaa’ii mana maree Aguyiilaa Saaleeh keessatti argamu.

Haa ta’u malee, maqaan isaanii maqaa namoota Libiyaa keessaa beekamoo ta’an kessaa tokko yoo ta’u, utuu kan mootumma maatii isaanii mancaase warraqsi NATOn deggeramu bara 2011 dura utuu hin ka’in dura imaammata biyyattii qopheessuu keessaa qooda olmaanaa qabaatanis, kurna tokko keessatti hagas argamanii hin beekan.

Deggersa uummataa qabaatus, gareeleen finciltoota Liibiyaa fi humnoonni alaa filannoon Muddee 24 seeraa fi raawwatiins isaa irratti falmaa waan jiraniif sgalee kennuun sun amma iyyuu shakkisiisaa dha.

Jimaata darbe Paaris keessatti kan geggeessame konfirensii guddicha irratti kanneen adeemsa sagalee kennuu sana danqan irra uggurri akka kaa’amu walii galtee irra g’amee jira, garuu filannoof torbanneen ja’aa gad hafee yeroo jiru kanatti, eenyu haa dorgomu isa jedhu irratti walii galtee irra hin ga’amin jira.

Bulchiinsi bara Gaadaafii amma iyyuu lammiiwwan Liibiyaa hedduu biratti bulchiinsa hamaa ta’ee kan yaadatamu yoo ta’u, Saif al-Islam fi angawoonni bulchiinsa duraanii keessa turan aangoo irraa erga bu’anii yeroo dheeraa waan lakkoofsiseef, deggersa guddaa argachuun itti ulfaachuu danda’a.

Moammar al-Gadhafi-n Onkoloolessa bara 2011 garee mormitootaan dugdee magaalaa Sirte keessatti qabamanii dhuma irratti rasaasaan dha’aman. Saif al-Islam immoo guyyoota booda gara Nigeritti baqachuuf utuu yaalanii naannoo gaarreen Zintan keessatti loltootaan to’annaa jala oolan.

Fedhii isaanii prezidaantummaa kan wal xaxaa taasisu, al-Islam bara 2015 keessa mana murtii Tripoliin bakka hin jiraannetti himatamanii, Zintaan irraa karaa Vidiyoo dhiyaatanii turan. Sanaanis manni murtichaa yakka waraanaa mormii bara 2011 lubbuu namaa galaafate dabalatee murtii du’aa irratt dabarsee jira. Yoo Tripoolii keessatti mul’atanis balaan hidhamuu isaan mudachuu danda’a. ICC dhaanis ni barbaadamu.

XS
SM
MD
LG