Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Barreessaan Paartii Biyya Bulchu kan Eertraa Du’aan Boqotan


Barreessaa muummicha paartii biyya bulchu kan Eertraa ka turan Al Amin Mehammed Seyid

Barreessaa muummichi paartii biyya bulchu kan Eertraa paartii adda uummataa dimokraasii fi haqaa Al Amin Mehammed Seyid daawwannaaf bakka imalanii jiran Saud Arabiyaa keessatti du’aa boqochuu isaanii ministriin odeeffannoo Eertraa Yemaanee Gebremesqel fuula twitter isaanii irratti beeksisanii jiru.

Bara 1996 qabsoo bilisummaatti kan dabalanii fi bu’uursitoota adda bilisummaa uummata Eertraa Shabiyaa keessaa tokko kan turan Al Amin umurii isaanii waggaa 74tti du’aan boqotan. Al Amiin bara 1994 qabee barreessaa paartichaa ta’uun hojjetaa turan.

XS
SM
MD
LG