Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabii Adda Bilisummaa Oromoo marii araaraa mootummaa Itoophiyaa waliin itti jiruuf jedhee ammaaf waraana dhaabe


OLF LOGO
OLF LOGO

Itti gaafatamtootii ABO marii Asmaraatti muummee ministera Itoophiyaa, Dr., Abiy Ahmediin wal mari’ataniin duubatti tana jedhan.

Tun waan duratti nama deemsisaati jedha ibsii ABO.Mariin tun akka ABOtti waan mootummootaa, ummataa fi warrii nagaa jaalatu cufti fedhu.

“Yoo mootummaan nu hadhee ufi irraa aane malee ammaaf lola ya dhaamne,” jedha ibsii ABO.“Mariin tun durattii deemtee bu’aa buusaa dhuftee jennaan ammo mootummaa Itophiyattin waliin gallee lolaayyuu akkuma jirumatti dhaamna jennee abdanna.”

Tanaafuu ABO fuluma jiru cufatti hajaja koree jidduu galeessa isaatiin waraana dhaabuuf labse.

Koree Jiddu Galeessa DH.D.U.O keessaa obbo Addisuu Argaalleen ibsa FB ufii irratti baaseen akkana jedha “marii jalqamne milkeessuuf ejjannoon ABOn Jaala Daawud Ibsaatiin hoogganuma qabatee fi ibsi guyyaa hardhaa bahe waan gaardiha.Ibsi kun hujii qabatamaatti akka hiikamu abdi qmanaa jedha.”

Tana maleellee paartiin DH.D.U.O dirree dimokiraasii ballisuuf waada gale irraa hin deebi’uu jabaatee hojjataa marii itti aanutullee qophii jirraa jedha obboo Addisuun.

Dhiyootti ammoo marii bu’a qabdu obboleeyyan teenna qabso karaa hidhannootiin filatanii turan yaada isaanii jijjiiratanii akka nutti dabalamanii injifannoo waliin argannetti waliin hojjannuu abdi qamnaa jedha.

“Yoo isaan biyyatti deebihanillee jaalala fi ulfinanna obboleeyyummaatiin simannaa waliin nagaa gaafa Afrikaatiin hojjanna.”

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG