Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawaa Oromiyaa : Qaamoota Bu’an Isaanii Xuqameetu Hiriira Oromiyaa Keessaa Hokkara Kaasuuf Itti Gargaarama


Itti gaafatamaa biiroo dhimmoota kominikeeshinii Oromiyaa obbo Addisuu Araggaa Qixxeessaa
Itti gaafatamaa biiroo dhimmoota kominikeeshinii Oromiyaa obbo Addisuu Araggaa Qixxeessaa

Roobii Onkolooleessa 11 bara 2017 Magaalaa Shaashamannee fi Harargee dhiyaa magaalaa Bookee keessatti hiriira gaggeeffamee keessatti namnii 6 du’u itti gaafatamaan waajiira komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Addisuu Araggaa ibsanii jiru.

Kaleessa magaalaa shaashamannee keessatti kan ajjefaman namoota 4 keessaa tokko dubartii hiriira waliin sababaa wal hin qabanneen duute jedhu Obbo Addisuun. Jiraattonni akka ibsanti garu kaleessa namnii 4 ajjefamee har’a immoo kanneen mada’an keessaa tokko du’u dubbatu.

Sagantaa haroomsaa Oromiyaa keessatti jalqabameen bu’aa argataa turan kanneen amma dhaban “hojii gaarii gaggeeffamaa jiruuf hiriira deggersaa haa baanu” jechuun uummata eega hiriirsanii booda hokkarri akka ka’u gochuun dhabamuu lubbuu namaaf akkasumas miidhama qaamaa namoota irra ga’uuf ittiin ka’uumsa ta’an jedhan Obbo Addisuu Araggaa.

Akka fakkeenyaattis kanneen ayyaanni irrechaa iddoo adda addaatti kabajamee akka hin milkoofneef carraaqaa turan amma immoo tooftaa jijjiruun maqaa hiriiraan Oromiyaa keessatti dadhabbii uumuuf yaalaa waan jiraniif uummanni of-eeggannoon ilaaluu qaba jechuun hubachiisan.

Gabaasaa Guutuu Caqasaa

Angawaa Oromiyaa : Qaamoota Bu’an Isaanii Xuqameetu Hiriira Oromiyaa Keessaa Hokkara Kaasuuf Itti Gargaarama
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:42 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG