Xurree ittiin seenan

Breaking News

Addunyaan torbaan kana gama Ispoortiitiin maan keessa ooltee bulte?


Dorgommii atileetiksii kilaboota Oromiyaa Adaamaatti moohe,Ivory Coast gama Kubbaa miilaatiin Afrikaa tokkeessoo

Jireennii nama baaddiyaa inninuu ispoortii,akkuma taateefuu Afrikaa haga Awurooppaatti addunyaan ispoortii ittuma jirti.FIFA-Waldaan Federeshiinii kubbaa miilaa addunyaa waldaa kubbaa miilaa jaha biyya biyyaan jaaree qaba.Afrikaa CAF,Asia AFC,Awuroopaa UEFA,OFC,ta biyya haga guddaan garba keessa jiranii,USA fi ollootii isii CONCACAF fi CONMOBEL ta biyya South Amerikaa jedhaniiti.Biyyitii tuttun hagii tokko dorgommii isaanii fixatani hagaii tokko amma itti jira.

Gama kaanin akka waldaan kubbaa miilaa adduynaa FIFAn baasetti,Ivory Coast Gaanaa caaltee biyya Afrikaa ta Kubbaa miilaatiin jabduu jedhan taate.Ivory Coast biyya tapha kubbaa miilaa Afrikaa bara 2012tti Equatorial Guineatti taphataniif dabran keessaa tokko.

Dorgommii Atileetikisii kilaboota Oromiyaa ta torbaan tokkoof Baaleetti dorgomaa bahan magaalaa Adaamaatti waancaa lama argate.Gareeleen dorgommii tanaa dhfuu malan haga fedhanitti dhufuu baatanillee akka jecha obbo Neggaa Tujubaa itti gaafatamaan teknikia ka federeshiinii Kilabootii Oromiyaatti warrii dhufe akka dansaa taphatee gamamchuun gale.

Taatullee yoo hedduu dorgommii akkanaa tana kilabootuma naannoo Finfinneetti dhiyaatanitti dorgoma,maan jennaan akka obbo Neggaatti walqixxee irraa fayyadamuu dhabuun waan egeri irratti hojjachuu malan.

Mee qophii Ispoortii tana MP3 irraa caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG