Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waldaan Afrikaa Burundiin Loltoota Nagaa Eegan Waldaan Isaa Ergu Simachuu Fudhachuu Baannaan ‘Hin Adaba’


I/G Koomishiina Waldaa Afrikaa Nkosazana Dlamini-Zuma Sadaasaa 12, 2015.(AP)
I/G Koomishiina Waldaa Afrikaa Nkosazana Dlamini-Zuma Sadaasaa 12, 2015.(AP)

Waldaan Afrikaa rakkoo siyaasaa Burundii faluutti jira.Yoo ammoo paartiin mormituu beekamtuu kora araaraa ji’a dhufutti qaban dhufuu baatte adabuuf doorsisuuttui jira.

Akka koomishiineeri Waldaa Afrikaa Dilamini-Zuma jettutti warrii akka ummatii hin mari’anne tolchuu cuftii balleessaan adabama.

Paartileen mormituu siyaasaa Burudnii Ammajii 6,2016 Aruushaa Taanzaaniyaatti kora taahani jeequmsa biyya isaanii miila lafaa fuudheef fala barbaaduuf kufroo jiran.

Gama kaaniin ammoo mootummaan Burundii waraana Waldaa Afrikaa 5,000 biyya isiitti ergani ummataa nagaan eegan jedhan hin fudhattu.

Perezidaantin Burundii,Piyeeree Nukurunziza warrii nagaa eegu eeyyama malee biyya isaa seenee jennaan ufitti hin dhiifnu jedhee kalee dubbate.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG