WASHINGTEN DC —
Afrikaa Kibbaa, hookkara torban kana keessa godaantota biyya ishee keessaatti xiyyeeffatee geggeessame xiinxalaa jirti.
Akka aangawoonni jedhanitti, hookkarichaan lubbuun namoota kudhanii ka dhabame yoo tahu, ka biro baay’een madaa’uunis beekamee jira.
Biyyoota Afrikaa ka biroo waliin hariiroo Afrikaa Kibbaa qabdu miidhee jira – hookkarri jibbinsa lammiwwan alaa achitti geggeessame.
Prezidaantiin Afrikaa Kibbaa – Siril Raamaapoosaa, haleellaa Dilbata dabre irraa jalqabee, lammiwwan Afrikaa Kibbaa konkolaqatota fe’isaa ooofanii fi ka biroodhaan geggeessame sana cimsanii balaaleffatan.
“Lammiiwwan alaa carraa hojii dhalattoota biyyattii irraa saaman,” jechuun haleellaa jhibbinsaa kana oofan – lammiwwan Afrikaa Kibbaa.
Raamaapoosaan akka jedhanitti, ka magaalee hookkarichi keessatti geggeessame – Johaanisbergii fi magaalaan galma-mootummaa biyyattii – Pritooriyaan keessatti argaman, kutaa Kaaba-bahaa biyyattii – Guuteng keessatti, haga ammaatti namoota yakka sanaan shakkaman dhibba afurii ol tu hidhame.